Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namni Gochaan Isaa Yaada Fiilmii “Hoteel Ruwaandaa" Jedhamu Akka Hojjetamu Kakaase Shorokeesummaan Himatame 


Paul Ruseesaa-bagiina abukaatota isaa wajjin
Paul Ruseesaa-bagiina abukaatota isaa wajjin

Manni murtii Rwaandaa nama gochaan isaanii yaadi fiilmiin “Hotel Rwanda” jedhuu akka hojjetamuuf kaka’umsa ta’e shorkeessummaa fi ajjeechaa keessaa harka qabu akkasumas garee ripxee loltoota hidhatanii hundeessan jechuun himate.

Abootiin alangaa, Paul Ruseesaa-bagiinaa bara 2018 keessa lammiiwwan Rwaandaa balleessa hin qabaannee fi kanneen hiin hidhannoo hin qabaanne irratti shira yakkaa qindeessan jechuun himatan.

Ruseesaa-bagiinaa-n yakka ajjeechaattii hidhata qaban dabalatee himannaalee 13 kaleessa irratti dhiyaatan kan hundee hin qabaanne jechuun fudhatama dhabsiisan.

Erga xumura baatii darbee hidhaa keessa kn jiran Ruseesaa-bagiinaa-n sababaa fayummaan isaanii gad adeemaa deemeef akka hiikaman gaafatan. Wabiin akka gad dhiifaman kan isaan dhiyeeffatan manni murtii kamisa dhuftu ilaaluuf jira.

Fiilmiin “Hotel Rwanda” jedhu manaajera hoteelaa duraanii kan turan Ruseesaa-bagiinaa akka goota warren Tutsii fixiinsa bara 1994 jalaa miliqseetti dhiyeessa.

Ruseesaa-bagiinaa-n lubbuu 1,000 ol du’a oolchan jechuun galateeffamaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG