Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rwaandaan Komiin Addunyaa Dhiyeessaa Jiru Dhaabchuu Qaba Jetti


FAAYILII - Humnoota Biyyoota Afrikaa Bahaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti, Muddee 2, 2022.
FAAYILII - Humnoota Biyyoota Afrikaa Bahaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti, Muddee 2, 2022.

Hawaasni addunyaa walitti bu’iinsa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo bahaa keessaaf Rwaandaa komachuu itti fuufa tanaan, baqattoota koongoo kanneen Ruwaandaa keessa jiraatanii fi kumaatamaan lakkaa’aman ari’uu kan jalqaban ta’u , Preezdaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen sodaachisaa jiru.

Wiixata kaleessaa magaalaa galma mootummaa Rwaandaa Kiigaalii keessatti sirna kakaa pirezidaantii haaraa Seenetii Ruwaandaa, Firaankoos zaaviyaar Kaaliindaa booda prezidaant Kaagaameen haasawa dhageesisaniin, baqattoota keessummeessuu keenyaan booda itti gaafatamuu keenya ykn isaanii irratti miidhaa dhaqqabuuf gaafatamuuf deemna jedhan.

Kagameen ergaa kana dabarsuudhaaf afaan biyyaalessaa biyyatti irraa gara Ingiliffaatti jijjiruun kan dubbatan yoo ta’u yeroo baayyee hawaasa addunyaa dubbachuu ennaa barbaadan akkasuma gochaa turan.

Dhugumaan komatamuuf qophaa’aa jirra, garuu waan gochuu qabnu hojjechuu keenyaan ni komatamna, jechuun kaagaameen ennaa dubbatan, miseensonni Paarlaamaa Ruwaandaa harka walitti rukutuun simatan.

Mootummaan Koongoo fi gabaasnii Tokkummaan Mootummootaa dhiheenya kana baaseen, sochii finciltoota M-23 jedhaman kan irra caalaan isaanii Tutsi ta’an fi Kongoo baha keessatti mootummaa Koongoo lolan Ruwaandaan deeggaramuu jechuun komatu. Ruwaandaan immo kun dhimma keessoo Koongooti jechuun himata kana yeroo hunda haaltee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG