Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sababaa Dhabamuu Beeksisaan Sabaa Himaalee Hedduun Gabaa Dhaa Ala Ta’aa Jiru Jedhame


FAAYILII - Magaalaa Finfinnee
FAAYILII - Magaalaa Finfinnee

Waggoota xiqqoo dura magaalaa Finfinnee bakkawwan bashannanaa, kaaffeewwanii fi mana bunaa keessatti namoonni guyyaa boqonnaa Shaayee fi Buna qabatanii gaazixaalee fi barruulee ennaa dubbisan arguun baratamaa ture amma hagas hin argamu, innumaa iyyuu baduutti dhiyaateera jechuu dhaan ogeessonnii fi qaamotiin dameewwan kanaa VOAf ibsaniiru.

Itti aanaa itti gaafatamaan sabaa himaa Itiyoopiyaa Obbo Taammiraat Haayiluu, maxxansaawwan gabaa irratti hafan xiqqoo dha jedhan.

Damee sabaa himaa maxxansaa keessa waggoota hedduuf turuu isaa kan dubbatu obbo Fiqaaduu Maahitemesillaasee, yeroo darban keessa kan ofii isaatii gaazixaalee fi barruulee, Haamraawwii, Inquu, Itiyoo-habashaa, Giyoonii fi Habeshaa Riviiw jedhaman maxxansiisaa akka ture dubbata.

Dameen kun rakkoo dhuma jiru waliin kana dura haala wayyaawaa dhaan hojjetaa kan ture ta’u kan dubbate obbo Fiqaaduun, adeemsa keessa garuu sabaa himaan maxxansaa hanqataa dhufe jedhe.

Obbo Fiqaaduun itti dabalee, waraqaa fi gatiin ittiin maxxansan qaalii ta’uun, odeeffannoo akka salphaatti argachuu dhabuu fi dhiibbaan siyaasaa dameewwan kanatti qormaata ta’anis, rakkoo inni guddaan garuu beeksisa dhabuu dha jedhe.

Rakkoon kun maxxansaalee qofaa utuu hin ta’in, sabaa himaa uummataa illee cufsiisaa kan jiru ta’uu ogeessonni ni dubbatu. Dhiyeenya buufataaleen TV saatelaayitii irraa bu’an keessaa tokko TV ESAT-f hoji geggeessaa kan ta’an obbo Abebee Boggaalee, beeksisi dhabamuu isaaf dhiibbaan siyaasaa qooda ol aanaa qabaate jedhan.

Itti aanaa itti gaafatamaan sabaa himaa Itiyoopiyaa obbo Taammiraat Haayiluu, sababaa rakkoo dandeettiin buufataleen TV hedduun cufamaniiru jedhan.

Sadarkaa lammataattis, interneetiin murtaa’aa ta’uu isaaf gatiin isaa qaala’uun, hawaasi irra jireessi, odeeffannoo miidiyaa dijitaalaa argachuuf carraa hin qabu jedhameera.

Abbaan qabeenyaa maxxansaa Habeshaa Weg jedhamuu obbo Teewdroos Kaasa agama isaaniin, rakkoo jiru furuuf mootummaan qooda gama isaa ba’uu qaba jedhan.

Dhimma kana ilaalchisee abbaa taayitaa sabaa himaa Itiyoopiyaa irraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne jechuu dhaan GebreMikaa’el GebreMedin gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG