Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sababaa Haleellaa Affaar Keessaan Uummatni Kuma Dhibbaan Lakkaawamu Buqqa'uun Himame


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Mootummaan naannoo bulchiinsaa Affaar ibsa qibxataa har’aa baaseen, haleellaa umnoonni TPLF naanicha keessatti raawwachaa jiraniin kan ka’e horsiiseebultoonni 300,000 ta’an qe’ee isaanii irraa buqqa’anii, buufataaleen fayyya, mannoottan baruumsaa fi jarmiyaaleen qotiinsaa mancaa’uu isaanii beeksiseera.

Mootummaan naannoo Affaar ibsa baasee kana keessatti, haawaasni aduunyaa akka gocha kana balaaleffatu gaafateera. Daarekteerri waldaa Horsiiseebultootaa Affaar Vaalerii Broowning ibsaa mootumaan naannoo affaar baase irraa deebi’anii, horsiiseebultoonni kuma dhibbaan lakkaawaman haalaa jireenyaa daran rakkisaa ta’e keessa jiraachuu isaanii VOA ti himaniiru.

Namoonni beelaan akka du’aa jiran kan dubbatan Vaaleerii Broowning buqqaatonni kun bakka adda addaatti faffaca’anii waan jiraniif gargaarsaa qaqqabsiisuudhaaf rakkisaa akka ta’e himuu isaanii gabaasni Masfin Arraagee ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG