Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaala Sabbataa fi Aanaalee Gujii Keessatti Hidhaa fi Dararaan Hammaate Jedhu


O'sh, Qirg'iziston
O'sh, Qirg'iziston

Naannoo Finfinneetti Godiina addaa Oromiyaa kan taate magaalaa Sabbataa keessatti Roobii darbee Bitooteessa 16 bara 2016 waajirri Dhaabbata Dimokraasummaa Uummata Oromoo barattoota mana barumsaa sadarkaa lammffaa fi qopha’inaa sabbataa walgahii waamee barattoota isin gidduudhaa jeeqan baasaa jechuun gaafachuu barattoota keessaa tokko ibsanii jiru. Yeroo kanattis kan jeequ nu keessa hin jiru jechuun barattonni waan deebisaniif jecha polisii Fedeeraalaa waamanii nu reebsisan jedhu. Polisiin Federaalaa barattoota kana irratti Aara himiimaansu darbachuu isaan kan ka’e barattonni 50 ta’an dhukkubsatanii klinikii sabbataatti eega geessamanii booda isaan keessaa shan wal’ansa dabalataaf Finfinnee ka jiru Hospitaala Phawuloositti ergamuu isaanii ibsan. Kanneen hafan immoo kilinikoota dhunfaatti dhaquu isaanii ibsan.

Itti gaafatamaan waajiira DH.D.U.O Obbo solomoon Malkaamuu waa’ee walgahii gaggeeffame jedhame gaafatamanii bilbila cufanii jiru. Akksumas bulchaan magaalaa Sabbataa obbo Araarsaa Mardaasaa bilbila kan nu irratti cufan yoo ta’u itti gaafatamaan waajiira polisii anaa sabbataa Inspeekter Tamasgeen bilbila harkaa hin kaasan.

Gama kaaniin torban darbe barattonnii fi shofeeronni 28 magaalaa Tafkii keessatti karaa cuftan jedhamuun kan hidhaman yoo ta’u isaan keessaa kudha tokko har’a mana murtiitti dhiyeeffamanii jiru. Dhimma isaanii kan ilaalan prezidaantiin mana murtii aanaa sabbataa Obbo Girmaa Abbabaa dhimmicha ilaaleen deebii kenna jechuun bellama kennanii achumaan bilbila isaanii hin kaasiin hafan.

Godina Gujii aanaa Goroo Dolaa magaaloota adda adda keessaatti mootummaan namoonni dhibba tokko ol hidhuu maallaqni daldaltoota dhunfaa fudhatamuu fi dararaan adda addaa dhaqqabu jiraattonni dubbatanii jiru. Itti aanaa waajiira Nageenyaa aanaa Goroo Dolaa Obbo Dirboo Jiloo sagantaa Afaan Amaaraaf kaleessa akka ibsanti guutummaa godinichaa keessatti kanneen hidhaman kan ilaaleen odeeffanno hin qabu. Garu kanneen Alaabaa Oromiyaa buusanii guban ala bultonni 5 hidhamaniiru jedhan. Isa dhibba tokko oltu hidhame jedhamuu hin beeku jedhu.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadha.
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:06 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG