Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Mormii Oromiyaatiin walqabatee Itoophiyaatti Sab-Qunnamtiin Ummataa; WhatsApp, Twitter Haga Guddaan Hin Hojjatan


Sab-Qunnamtiin ummatii odeeffannoon walii dabarsu; Twitter, WhatsApp faatii akka gaazexeessaan dhaaba Bloomberg, William Davison jiraattota dubbisee oduu Finfinnee nuu ergetti keessattuu ji’a tokkoo asitti Itoophiuyaa keessatti itti fayyadamuun nama dhibuutti jiran.

Warrii bilbila Smartphone qabu Facebook Messenger fi Twitter fayydamuu dandahuutti hin jiru.Warrii kun akka barsiisaa yuniversitii Siyyum Teshoomee Walisoo irraa dubbatetti carraa sab-qunnamtii kana fayyadamuu akka Telekoomunikeeshiinii Itoophiyaa irraa argata.

“Ji’a oli tahee eegii fayydamuu dadhabnee,keessattuu bilbila mobaayilaa irraa sab-qunnmatii argachuu hin dandeennu.”

Feesbuukii fi WhatsApp
Feesbuukii fi WhatsApp

Oduu himnaan dhaaba Twitter Inc. gaafii Bloomberg E.mailiin ergeef deebii hin kennine. Dhaabii Facebook ka WhatsApp bitatelleen ammatti deebi hin kennine.

Hiriirii Mormii Oromiyaa eegii jalqabee amma ji’a shan keessa jira. Akka dhaabii mirga ilmaan namaatii falmu,HRW gabaasa isaa Bitootessaa irratti jedhetti nama 266 dhume.Mootummaan garuu lakkoofsa himuu baatullee nagaa eegdota mootummaa dabalee nama hedduutti lubbuu dhabee jedha.

Jara odeeffannoo hiriira mormii Oromiyaa kana sab-qunnamtii irratti ummataa facaasuun beekamu ,qabsaahaan sab-qunnamtii Amerikaa jiruu Jawaar Mohaammad.Nama kuma 500 tahutti Facebook irraa isa hordofa.

Oduu himaan mootummaa Itoophiyaa Geetaahoo Reddaa ammoo caasaa interneetii rakkoo qabaata fa malee sab-qunnamtii ummataa cufuun heera mootummaatii miti jedha.

Akka gaazexaan dhuunfaa Finfinneetti bahu CAPITAL gabaasa Ebla 10 baase irratti itti gaafatama Telekoomunikeeshiinii Itoophiyaa Andu’aalem Admaasee maqeeffatee jedhetti mootummaan teknooloojii odeeffannoon “tohatu” qaba.

Gama kaaniin jiraattotii magaalaa Itoophiyaa gama Kibbaa,Hawaasaa jiranilleen ji’a tokkoo caalaayyuu sab-qunnamtii Itoophiyaa(social media) fayyadamuuf rakkachuu isaanii dubbatan.

Namii biyya alaa jiru ka akka barsiisaa yuniversitii East London, Siyyum Hammeessoo faatilleen “Maatii keennaan wal arguu dadhabnee,”jedha.

Itoophiyaatti Sab-Qunnamtiin Ummataa; WhatsApp, Twitter Haga Guddaan Hin Hojjatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:20 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG