Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sagantaan Nyaata Addunyaa Wa’ee Gargaarsa Dhaqqabaa Jiru Ibsa Baase 


FAAYILII - Ambaasaddar Jakobsan magaala Samaraatti yeroo imalanii turan, Affaar
FAAYILII - Ambaasaddar Jakobsan magaala Samaraatti yeroo imalanii turan, Affaar

Bulchiinsa naannoo Tigraay fi Afaarti gargaarsa ergamee kan ilaaleen Jaarmayaan Sagantaa Nyaata Addunyaa ibsa baasee Twitarii irratti maxxanseen kokolaataan gargaarsa fe’an namoota miidhaman dhaqqabuuf deemaa kan jiran ta’u fi Afaar kaabaa keessatti uummanni 36,000 guyyoota dhufan muraasa keessa gargaarsa nyaataa akka argatan ibse. Kokoolaataan fe’umsaa 85 kaleessa maqalee kan seenana yoo ta’u, ka biraan konkoolaataan 130 Tigraay seenuuf karaa jiru.

Tigraay keessatti waajiiraqonnaa fi misooma baadiyyaa kan hogganan, Dr. Atinkut Megebu RSA akka ibsanti, ija gargaarsa Tigraay keessatti barbaadamuun inni dhaqqabaa jiru xiqqoo dha.Kana amlees beelaa fi duutii Tigraay keessatti babal’ataa jira jedha.

Mootummaan Itiyoophiyaa immo gama isaan, gargaarsa dhaqqabsisuuf karaan hundumtuu banaa dha.Gargaarsii argamnaan kan dhaabu hin jiru jedheera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG