Itti gaafatamtuun sub quunnamtii uummataa jarmiyichaa Ms Judith Shuuler VOAf ibsa kennaniin tarkaanfiin fudhme yeroo gabaabaa dhaaf jedhan.
Gargaarsi namoomaa kun yeroo gabaabaa kanaaf kan dhaabatu naannoo Somalee qofaa malee naannolee biyyattii ka biroo keessatti kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.
Tarkaanfiin kunis haala kamiinuu gargaaramtoota kan hin miine ta’uu Judhith Shuuler ibsanii jiran.
Egaa hojiin keenya hagi tokko akka dhaabatu goonee jirra. Kana yeroo goonu immoo haala nageenya naannoo sanaas guyyaa guyyaatti qorataa jirra. Kana jechuun namoonni nuti gargaarru ni beela’u jechuu miti.
Sababiin isaas gargaaramtoota kanaaf nyaata kan nuti raabsinu ji’atti yeroo tokko qofa. Kanaaf jecha gargaarsa isaaniif kennamu yeroo xiqqoo keessatti ni argatu jechuu dha jedhan.
Yaaddoon nageenyaa hanga jiraatetti jarmiyichi gargaarsa namoomaa naannoo sanatti kennu addaan cita yaaddoo jedhuufis hojiin gargaarsaa fi sochiin jarmiyaa kanaa kanaan wal qabate kan dhaabatu guyyoota xiqqoo qofaaf ta’a jedheen abdadha jedhan Judith.
Ministeera qonnaa baadiyyaatti minister de’ittaan ittisa balaa fi qophaa’inaa fi wabii nyaataa obbo Mitiku kaasaa gama isaanittiin jarmiyaan kun yeroo gabaabaafis haa ta’u yeroo dheeraaf hojii isaa idilee dhaabuu isaa mul’inatti quba kan hin qabaanne ta’uu beeksisan.
Haalli nageenyaa fi tasgabbii naannoo somalee akka amma jirutti itti fufa taanaan sagantaan nyaata addunyaa hojii gargaarsa namoomaa yoom akka itti fufu ifaa miti.