Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Sudaan Kibbaa Itiyoophiyaa Daawwatan


Muummicha Ministiraa Abiy Ahimed, Prezidaantii Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir
Muummicha Ministiraa Abiy Ahimed, Prezidaantii Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir

Prezidaantiin mootummaa Sudaan kibbaa Saalvaa kiir Mayardiit itiyoophiyaa daawwachuudhaaf Finfinnee yemuu seenan muumichaa ministeeraa Itiyoophiyaa Abiyi Ahmadiin simatamaniiru.

Daawwanna kana ilaalchisee itti gaafatamtuun dhimma preesii waajiraa muummee ministeeraa Itiyoophiyaa Biillenee Suyyuma ibsaa

Gaazexesootaaf kennaniin,

Kaayoon prezidaant saalvaakiir waltii dufeenyaa diinagdee biyyootan lammanii keessumaa hojii bu’uuraa misoomaa guddisuu fi dhimmoottan naannoo biyyootan lamanii irratii akka ta’e ibsaniiru.

Muumeen ministeeraa Itiyoophiyaa gama isaaniitiin Koovidiin dabalataa biyyatiin rakkoon adda addaa jiraatus biyyatii keessatii guddinii diinagdee galmeefamuu isaa akka dubbatan ibsameera.

Prezidaanti Saalvaakiiri filannoon itiyoopiyaa marsaa 6ffaa nagana xumuramuu isaa jajuu isaanii, kuusaan bishaanii hidha lagga Abbayya inni marsaa lammaffaa raawwatamuu isaatiif gammaduu isaanii akka ibsaani ibsii Beellenee Suyyum himeera.

Akkasumaf dhimma walwaraansa fi issa sababa ta’e tarkaanfii Addi bilisumaa umata Tigraay waleellaa inni ajjaja waraanaa kaabaa irratii raawwate Salvaa kiir balaaleffachuu isaaniif tarkaanfii mootumaan itiyoophiyaa heeraa kabachiisudhaa fudhate akka jajan Biillanee suyyum ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG