Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormii Barattootaa Yunivarsitiilee Haramaayaa fi Jimmaa Marsaa Ka Biraa


Mormii barattootaa Yunivarsitii Haramaaya
Mormii barattootaa Yunivarsitii Haramaaya

Mormiin barattootaa gara baatiilee lamaaf Oromiyaa keessatti geggeessamaa ture, gidduu kana Yunivarsitiilee keessatti deebi’ee geggeessamaa jira.

Barattoonni Yunivarsitii Haramaayaa akka jedhanitti, mormiin galgala dabre Yunivarsitii Haramaayaa mooraalee sadii keessatti ka’e fashalsiisuuf loltoonni kora bittimmeessaa Oromiyaa fi humnoonni federaalaa addaa “Agaazii” jedhamutti, barattoota karaa qabanii, doormii dhaa gad-baasanii akka haleelaa turan dubbatu.

Mooraa isa guddaa keessatti, humnoonni federaalaa barattoota dirree tokko irratti walitti guuruudhaan haga lafti bari’utti eegaa turan. Dhukaasaaleen hedduunis dhaga’amaa turan. Ganama immoo, mooraa Teknoo keessaatti hiriira mormii akka haaraatti deebi’ee irratti hunoonni federaalaa dhukaasa banan, jedhu barattoonni. Barataa Faamii Abduaaziiz dabalee barattoonni hedduun madaawan konkolaataadhaan gara Hopitaala Yunivarsitichaa Harar jiru, ka Hiwoot Faanaa jedhamuutti geessamuu isaa dubbatu.

Hiriira mormii magaala Haramayaa, Oromiyaa
Hiriira mormii magaala Haramayaa, Oromiyaa

Qondaalli Poolisii Harargee Lixaa, Komaander Usmaan Mohaammed garuu, “barattoota haga xiqqoo tu jeeqama kaase malee hiriirri mormii geggeessamuunis, barattoonni haleelamuu fi hidhamuunis dhara” jedhan. Yunivarsitichi nagaa dha, barattoonnis barnoota irra jiru, jedhu.

Balbala Doormii Barattotaa Cabe Kan Yunivarsitii Jimmaa
Balbala Doormii Barattotaa Cabe Kan Yunivarsitii Jimmaa

Gama biraatiin, Yunivarsitii Jimmaa, mooraa Instiitiyuutii Tekinooloojii “Kitoo Furdisaa” jedhamu keessatti Dilbata darbe galgala barattooni hiriira ba’anii mormii isaanii dhageessisan poolisoota Federaalaatiin akka hamaatti reebamuu isaanii fi boombii isaan irratti darbatameen akka hamaatti miidhamuu isaanii dubbatu. Kanneen madaa’an, yeroo ammaa Hospitaala Yunivarsitii Jimmaa keessatti akka wal’aanamaa jiran, barattoonni kun Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran. Oduu kana qulqulleeffachuuf Prezidaantii Yunivarsitii Jimmaa, Dr. Fiqiree Lammeessaatti bilbillee, walga’ii “Command Post” ka to’annaa hiriira kanaa irra akka jiran, dubartiin telefoona waajira isaanii kaasan Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:17:00 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG