Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seenaa Fannoo Irraa Maal Baranna?


Ayyaanni Fannoo yokaan ayyaanni fannifamuu Goofaa keenya Iyyesuus Kiristoos ka bara 2011 waldoota kiristaanaa fi amantoota kiristaanaa mara biratti yaadatamee oole. Seenaa ayyaana kanaa fi iddoo inni jireenya ammaa keessatti qabu ilaalchisuun Waldaa Luteraanii Ameerikaa Kaabaa irraa kan ibsa nuuf kennan Luba Dr. Gammachiis Destaa Buubaa, guyyaan kun ayyaaneffannaa addaatiin, Iyyesuus Kiristoosiin yaaduudhaan, kadhachuudhaan, dhiifamuu cubbuu gaafachuudhaan amantoota kiristaanaa Addunyaa irra jiran mara biratti ayyaaneffama jedhan.

Iyyesuus bakka iyyeessonnii, cunqurfamoonnii fi rakkatoonni jiraatan, magaalaa Yersaalem keessa waggoota soddoma eega jiraatee booda tajaajila isaa akka jalqabe ka dubbatan, Luba Dr. Gammachiis waggoota sadi'iif namoota barsiisaa, hoogganaa, geggeessaa yeroo turetti ka bara sana biyya sana koloneeffatee ture Mootummaan Roomaa namoota abboota irree-tahan kanneen akka Philaaxoosii fi Heroodoos faa irratti muudee uummata hacuucaa waan tureef, dhalachuunii fi eenyummaan Yasuus sodaa itti tahee badii isaa malee itti muranii ajjeesan" jedhu.

Ilmoon namaa guutummaa Addunyaa irraa guutummaa Har'aa addatti baasee eenyummaa Iyyesuus Kiristoos akka ilaalu, eenyummaa Iyyesuus Kiristoos akka qoratu, fakkeenya isaas fudhatee iyyeessota, cubbamoota rakkatoota hidhamtoota, baqattoota fi cunqurfamoota wajjiin dhaabachuudhaan jireenya namootaatii fi haqa namootaatiif akka dubbatan; dabrees immoo warri akka Philaaxoos abbaa irree tahan abbaan irrummaa kun akka inni dabru, aangoon kun akka dabru, taayitaan akka inni dabru hubatanii du'aa ka'uu Iyyesuus Kiristoos ilaalaa qalbii jijjiirrannaatti akka dhufan, ilmoon namaa guyyaa har'aa akka araaramu, gara tokkummaatti, gara araaraatti, gara nagaatti akka dhufun labsa jechuun dhaamsa isaanii dabarsan, Lubi Dr. Gammachiis.

Guutummaa qophii kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG