Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seenaa Gabaabaa Wellisaa beekamaa Ameerikaa Priins Roojet Neelsen


Wellisaa Ameerikaa Du'aan Boqote Priins Roojers Nelsen
Wellisaa Ameerikaa Du'aan Boqote Priins Roojers Nelsen

Nama muuziqaa lammiin ameerikaa Prince umurii isaa waggaa 57tti akka tasaa du’aan boqochuun addunyaa mara irraa kanneen muuziqaa isaa jaal’atan rifaasisee jira.

Maqaa dhalootaa Prince Rogers Nelson jedhuun kan beekamu, yadaloo sirbaa barrreessuu fi wellisuu akkasumas taatoo ta’uun kan beekamu Prince mana jireenya isaa naannoo Minneapolis jiru keessatti kamisa darbe du’aan boqote.

Prince akkaataa muuziqaa kan ofii isaa jazz, gosa muuziqaa pop kan R&B fi, disco jedhamaniin kan beekamu ennaa ta’u hedduun gara laafessa ta’uu isaan isa beeku. Muuqiqaa wellisuu kan jalqabe ijoollummaa isaan yoo ta’u umurii isaa waggaa torbatti ture wallee isaa jalqabaa kan wellies.

Prince Waxabajjii bara 7 1958 Minneapolis MN keessatti dhalate. Albumii sirbaa inni bara 1984 keessa baase kan “Purple Rain” jedhamu kan inniin ittiin beekame. Albumiin isaa kun koppii miliyoona 20tu gurgurame. Yeroo maras sirboonni isaa sadarkaa gar olii irra jiru. Wellisuu qofaa utuu hin taane kanneen isa ajaa’iffataniif jaalala addaa qaba.

Yeroo darbe waltajjii kana irratti ennaan wallee koo dhiyeessu namoonni hedduun na arguu hin dandeenye. Gatii isaatu xiqqoo qaalii ta’e natti fakkaata. Kanaaf gatii isaa xiqqoo gad xiqqeessinee martinuun keessan har’a akka nu waliin taatan goonee jirra jedhe ture.

Qabsaa’aa mirga namaa Ameerikaa Al Sharpton nama jalqaba waa’ee Prince dubbatan keessaa ennaa ta’an Prince wellisaa qofa utuu hin aa’ne nama nama gargaaruu jaal’atu jedhan. Prince ijjoollee mana barnootaa dhaquuf carraa hin arganneef kan oolu gumaacha gargaarsaa kennee jira. Kana qofa utuu hin taane kanneen gargaarsa fedhan ka biroof ofii isaa utuu hin mul’isin gargaaraa ture jedhan.

uummati miliyoonaan laka’amu kan sanyii mara irraa ta’an du’a prince kan akka tasaa dhaqqabetti gaddaniiru. Dhugumatti inni mootii muuziqaa ti jedhan.

Kamisa darbe ennaa du’uun isaa dhaga’ame kanneen isa jaal’atan mana jireenyaa Prince fi sudio isaa Minneapolis jiru fuulleetti wal ga’an. Sirni dungoo qabsiisuu fi tajaajilli yaadannoo guutummaa biyyattii keessatti geggeessame.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:55 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG