Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seenaan Uummata Dagatamee Yaadatamaa JIra


Uummata Gulla kanneen miliyoona walakkaatti hedamantu dugdee kutaalee Caroliana, Georgia fi Florida jechuunis kutaalee america gama kibbaa keessa jiraatu.

Kan hojii profeeserummaa irraa gadamoojja’an Dorothy Browner-Hubler hawaasa Gullah kan kutaa South Carolina jiruu fi ofii isaanii keessatti guddatan barsiisuuf jecha faarulee, dhiichisaa fi seenaawwan fakkii halluu adda addaa dibametti gargaaraman.

Dorothy-n akka jedhanitti uummati Gullah hidda dhalata Africa gama dhiyaa kanneen jaarraa 17ffaa fi 18ffaa keessa garbummaa dhaan gara Americatti fidhamanii dha.

Hedduun akka jedhanitti hawaasa lammiiwwan America hidda dhalata Africa irra jireessi uummata kana keessaa ti.

Nuti garee lammiiwwan America hiddha dhalata Africa keenneen eessaa akka dhufne beeknuu fi aadaa, seenaa, fi nyaata adaa keenyaa attamiin akka bilcheessan, amantiilee eeggannee jirru tokkicha. Kanas guutummaa addunyaatti beeksisuu feena.

Dhagaa gati jabeessi kam akka ta’e eessaa akka ba’u beekna, suphee irraa xuubii hojjechuutti beekamoo dha, halluu adda addaan fakkiiwwan miidheksuu fi akkaataa midhaan itti qotaniin beekamoo dha jedhan.

Namoonni hedduun seenaan uummata Gullah jechuunis gurraachota abbaa lafaa biyyattii duraanii kun eegamee dhaloota boriitti darbuu qaba isa jedhu irratti walii galaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG