Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ripaablikaanonni Senetii Ameerikaa Keessaa Seera Mirga Filachuu Haaraa Beeksisame Dura Dhaabatu Jedhamee Eegama


Faayilii - Senetii Yunaaytid Isteets
Faayilii - Senetii Yunaaytid Isteets

Ripaablikaanonni senetii Yunaayitid Isteetis keessaa seera mirga filannoo ijoo dura dhaabbatu jedhamee eegama. Hoogganaan senetii garee dimokraatotaa gameessi Chuck Shumer seera akkaataa filannoo jijjiiru jedhu dhiyeessuuf jiru, garuu seerri kun darbuuf sagalee 60 kan barbaachisu yoo ta’u, ripaablikaanonni sagalee walakkaa qaban ni mormu jedhamee eegama. Republicans in the U.S. Senate are expected to block

Seera sana keessa deebi’anii xiinxaluuf tattaaffiin dimokraaticha senetii kutaa West Virginia Joe Manchin-n taasisamaa jira. Jijjiirama sana keessaa waraqaan eenyummaa biyyoolessaa barbaachisummaa isaaf duula filannoof deggersa maallaqaa kennamu gad xiqqeessu ka jedhu of keessaa qaba.

Dimokraatonni jijjiiramni filannoo ennaa ripaablikaanonni seera tumtoota kutaalee hedduu to’atanii jiranitti, filannoo bara 2020 irratti Doonaald Traamp injifannoo sobaa erga booda seerri haaraan akka ba’u dhiibbaa godhanii jiru.

Seerri senetiin qophaa’ee mana maree bakka bu’oota uummataa dimokraatotaan dhuunfatameen baatii bitootessaa keessa darbe kun, namoonni sagalee kennuuf galmaa’uuf salphaa taasisuu dhaan kutaaleen biyyaa yoo xiqqaate filannoon uguu hin ga’in guyyoots 15 dura filannoo duraanii akka geggeessan, namoonni sababaa utuu hin dhiyeessin sagalee kennuu akka danda’an eeyama, akkasumas aanaaleen manneen maree keessa deebisanii caasessuuf komiishinqaama seera tumtoota naannoo hin ta’iniin akka ta’u eeyama.

Hoogganaan ripaablikaanota senetii Mith McConnel akka jedhanitti seerichi qajeelfama filannoo lammiiwwan Ameerikaa ofii isaaniif jecha akka waliin dha’an yaalii dimokraatotaa ti jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG