Xurree ittiin seenan

Breaking News

Seera Tumtoota Yunaayitid Isteetis: Labsiin Lola Dhaabinsa Itiyoophyaa Kan Yeroo Qofa Ta’uu Mala


Miseensa Mana Maree Gregory Meeks(Dimokraatii)
Miseensa Mana Maree Gregory Meeks(Dimokraatii)

Mootummaan Itiyoopiyaa lola baatilee saddeetii booda lola dhaabiinsa hatattamaa erga labsee as, loltoonni Tigraay torban kana magaalaa Maqalee deebisanii to’atan. Seera tumtoonni Yunaayitid Isteetis garuu lola dhaabinnsi kun kan yeroo qofaa ta’uu waan danda’uuf naannoo sana keessaa uummata miliyoonaan laka’amu dhiibbaa beelaa irraa oolchuu hin danda’u jedha jechuun Kaatriin Giipsen gabaasteetti. abaasa Katherine Gypson Tujubetu dhiyeessa.

Seera Tumtoota Yunaayitid Isteetis: Labsiin Lola Dhaabinsa Itiyoopyaa Kan Yeroo Qofa Ta’uu Mala
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:20 0:00

Daandiiwwan Maqalee irratti lola dhaabiinsi gam tokkoo labsamuun mootummaa Itiyoopiyaa fi loltoota adda bilisummaa uummata Tigraay gidduutti baatilee saddeetiif geggeessamaa ture dhaabsisee jira. Seera tumtoonni gameeyyiin Yunaayitid Isteetis garuu lolli kun dhaabachuun yeroof qofa ta’uu mala jechuun akeekkachiisan. Miseensi mana maree dimokraatichi Gregory Meeks akka jedhanitti

“Furmaata nagaaf daandii saaqa jedheen abdadha. Haa ta’u malee addi bilisummaa uummata Tigraay Eertraa seenuuf dhaadataa jiraachuu isaa dhaga’aa jirra. Kunis walitti bu’iinsichi ifatti hammaachuu akka danda’u mul’isa.”

Walitti bu’iinsi sun ennaa torban darbe waraanni Itiyoopiyaa haleellaa samii irraan lafa gabaa Tigraay keessaa irratti raawwachuun namoonni 60 ol du’anitti hammaataa adeeme. Lammiiwwan Tigraay loltoonni Itiyoopiyaa fi Eertraa dararaa hamaa humnaan gudeeddii raawwachuu dabalatee midhaan nyaataa fi gargaarsi akka hin dabarre ugguruun beela hamaa dhaqqabsiise himatan. Garee Ripaablikaanotaa irraa Michael McCual akka jedhanitti immoo

“Yakki waraanaa, yakki farra namoomaa fi gochi fixiinsa sanyii uummata Tigraay irratti raawwatameera. Torban darbe muummichi ministeeraa Abiy Ahimed Tigraay keessa beelli hin jiru jedhanii turan. Tigraay keessa kan jiru haala suukaneessaa haaluun hedduu rifaasisaa dha.”

Jaarmayaan gargaarsa misooma addunyaa kan Yunaayitid Isteetis uummata Tigraay miliyoona 6 keessaa kanneen miliyoona afurii fi walakkaa ta’an gargaarsa nyaataa kan yeroo hatattamaa barbaadu. Kanneen 900,000 ta’an immoo duruu haalli hamtuun isaan mudatee jira. Angawaan USAID tokko seera tumtootaaf akka ibsanitti hookkara quunnamtii saalaan dararaan raawwatame hammana jechuun hin danda’amu jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG