Xurree ittiin seenan

Breaking News

Senetiin Amerikaa nama pirezidaanti Tiraampi mana murti walii galaatiif dhiyeeffate, Amy Barrett qoratee filate


Amy Coney barret
Amy Coney barret

Manii murtii walii gala Amerikaa abbootii seeraa sagal qaba.Bara pirezidaanti Tiraampi keessa abbaa seeraa tokko hujii irraa yuubomee irraa bu’e. Lama lubbu dhaban. Amy Coney waliin pirezidaanti Tiraampi abbootii seeraa sadii filatee kongireesiin Amerikaalleen mirkanseef.

Akka kanaan ilaalcha paarti Tiraampi faan walfakkaataa qabaachuu dandahan jedhan ka duraan jiru waliin nama jaha jechuu.

Amy Barret kalee senetiin filannoof mirkanse.Seneteroota 52tu deeggaree nama 48 falme Amiin seeraan hojjachuuf yoosuma kakatte.

Paartiin Demokiraati filannoon duratti mana murti walii galaatti abbaa seeraa filuun tahuu hin qabu jedhanii didan.

Paartiin Rippaabilikaan senetii harka guddaan isaan tahe hin falmine.

Taatullee paartii Rippaabilikaan keessaa senatera kutaa, Maine Susan Collins paartii Demokiraatotaatti dabalamtee filannoo tana mormite.

Taatullee Rippaabilikaan senetii keessatti harka guddaa waan qabaniif moohan.

Ganna 150 keesatti akka Associated Press, gabaasetti deeggarsa paartii lammeessoo malee takkumaa paartii tokko kophaa abbaa seeraa mana murti walii galaa filattee hin beettu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG