Xurree ittiin seenan

Breaking News

Serenaa Wiliyaamsi uulmaa baatee dorgommiitti deebitee moote,horii argatte keessaa doolara kuma 43 Awusitraliyaa ibiddii balleesseef kennite


US Open Tennis
US Open Tennis

Ilmaan Richard Willimsi; Serenaa fi Venes warra dorgommii teenisii dirreetiin gurrii addunyaa guute.

Serenaa Wiiliyaams marroo 33 caalaa dorgommii gugurdoo moote.Warra dorgommii teenisii addunyaatiin sadarkaa tokkeessoo jiru hedduu marroo 12 moote.Warra isiin moote keessaa tokko obboleetii isii Venus Williamsi.

Serenaan eegii bara 2017 ASustralian Open moote asi dhiyoo tana dorgommitti deebite,dorgommii ASB irratti dorgommii New Zealand keessatti irratti atileetii Amerikaa beekamtuu Jessica Pegula moote.

Mootee irraa baaee jennaan ceetee intala isii diqqayyoo ganna sadii,Alexis Olympia hamphaarrattee dhungatte.

Hori achii argatte keessaa doolara kuma 43 Awustiraaliyaa ibiddi gubee balleessuutti jiruuf kennite.

Dhaabii ispoortii Teenisii addunyaa ATPn ammo Awutiraaliyaa ibiddii balleessuutti jiru tanaaf doolara kuma 500 dhiyaatu kenne.Atileetota hedduutti akka kanaan gargaaruutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG