Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shakkamaan Haleellaa Beeljiyeem To’annaa Jala Oole


Dubbi himaan mootummaa naannoo Sanaa Omar Zwak VOaf akka ibsanitti kanneen balaan madaa’uu irra ga’e hangi tokko haala hamaa keessa jiru. kanneen miidhaan ira ga’ keessaa siivilotaa fi angawoota waraanaatu keessatti argama.
Dubbi himaan mootummaa naannoo Sanaa Omar Zwak VOaf akka ibsanitti kanneen balaan madaa’uu irra ga’e hangi tokko haala hamaa keessa jiru. kanneen miidhaan ira ga’ keessaa siivilotaa fi angawoota waraanaatu keessatti argama.

Buufata baabura imaltootaa Brussels irratti haleellaa raawwatamettii hidhata kanneen qaban namoota afur poolisiin har’a to’annaa jala oolchuu isaa angawoonni Belgium beeksisaniiru.

Waajjirri abbaa alangaa federaalaa akka jedhetti hidhaan kun qaabama weerara Bruseels kan ganda Molenbeek keessatti raawwatame dabalate. Namoonni arfan attamiin halellaa sanatti hidhata akka qaban ibsi hin kennamne.

Dubbi himaan waajjira abbaa alangaa Eric Van der Sypt duraan shakkamaan haleellaa Sanaa kan umuriin waggaa 36 hidda dhalata Morokoo kan maqaa O.Z jedhamuun beekamuuf tarii garee IS gargaaraa ture jedhanii turan.

Shakkamaan kun duraan shororkeessummaattii hidhata hin qabu garuu Van der Sypt akka jedhanitti qorannaa geggeessame akka mul’isutti garee shorokeessaa ISf deggersa qabu agarsiiseera.

Keemikaalaa fi meeshaaleen dhuka’aa ittiin hojjechuuf fayyadu mana isaa keessaa kan argame yoo ta’u Van der Sypt akka jedhanitti shakkamaan sun tarii boombii hojjechuu mala. Meeshaan borsaa argame keessa ture dhuka’aan kan guutame ennaa ta’u namni miidhaan irra ga’e hin jiru. loltoonni nama haleellaa sana raawwate bakkuma sanatti ajjeesanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG