Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shakkamaan Shororkeessummaa Lammiin Keeniyaa Lubbuu Namaa Galaafate


Tiitoo Pnyiangoo bakka intaali isaa itti ajjeefamtee uffata walitti qabu, Keeniyaa, Muddee 8, 2021
Tiitoo Pnyiangoo bakka intaali isaa itti ajjeefamtee uffata walitti qabu, Keeniyaa, Muddee 8, 2021

Shakkamaan of wareegaa konyaa Kissumuu ka daangaa Ugaandaa irra jirutti ofii isaa fi kanneen biroo lama roobii har’aa of ajjeesuu isaa angawoonni Keeniyaa beeksisan.

Poolisiin keeniyaa akka jedhetti shakkamaan sun kan Somaaliyaa keessa maadheffate miseensa garee shororkeessaa Al-Shabab.

Shakkamaan kun kibxata kaleessaa halkan boombii dhoosuu dhaan ganda Kamloomaa dhiya Keeniyaa keessatti namoota lama ajjeesee tokko madeessee jira. Ajajaan poolisii konyaa Kissumuu Richard Ngeno haala isaa ennaa ibsan, “Hollaatti utuu dubbataa jiruu, dhuka’aan dho’uu dhaan ofii isaa fi haadha warraa hollaa isaa galaafatee, hollaa isaa ka biroo fi intala isaanii madeesse. Namni hollaa isaa ture sun mana yaalaatti utuu geessamuu karaatti du’e. intalli isaanii immoo mana yaalaa keessatti wal’aanamaa jirti jedhan.

Itti aanaa hoogganaan poolisii naannoo James Okoth VOAf akka ibsanitti shakkamaa kan ta’e John Ondiek baatilee hedduuf erga dhabamee booda kibxata kaleessaa naannoo sanatti argame jedhan.

Baatii Hagayyaa eessa Ondiek manatti deebi’ee ture. Mana irraa fagaadhee jiraachuun jibbe jedhe jedhan. mana ijaaree naannoo Katiitootti gale kan jedhan hoogganaan kun, hanga kaleessa balaan kun uumametti eessa akka inni ture hin beeknu jedhan. haleellaa sanaaf maal akka isa kakaase poolisiin hanga amaa adda hin baafatin jira.

Kurna tokko oliif gareen al-Shabaab dargaggoota Keeniyaa filachuu dhaan humna isaa jabeeffachuu fi akkasumas loltoota Keeniyaa kanneen mootummaa Somaaliyaa deggeruuf kanneen Somaaliyaa keessa jiranitti fuuleffataa ture.

Ilmi Prezidaantii Laayibeeriyaa Duraanii Himannaa Ameerikaa Keessatti Irratti Dhiyaate Sirrii Miti Jechuun Falman

Kan murtiin itti murame ilmi prezidaantii Laayibeeriyaa duraanii kan Charlis Teeler, abbootiin alangaa dhimma isaanii karaa dogoggora ta’een dhiyeessan jedhan. Chaarlis McArthur Emmanuel Taylor, kan maqaa Roy Belfast jedhamuun beekaman mana murtii federaalaa kutaa Florida bara 2009 keessa hidhaa waggoota 97 kan itti mure, paaspoortii sobaan Ameerikaa seenuuf yaalan jechuun ture. Booda irras yakka dararaan himataman.

Abbootiin alangaa, dargaggeessa kan ta’an Teeyler, bara bulchiinsa abbaa isaanii itti gaafatamaa kutaa farra shororkeessummaa ta’anii ennaa hojjetanitti dararaa raawwatan jedhan. kan isaan himatamanis akka seera Yunaayitid Isteetis kan dararaa biyya alatti raawwatame ilaalutti. Kunis lammiin Ameerikaa tokko ykn namni Ameerikaa keessa jiru tokko yakka biyya alaa keessatti yoo hirmaate kan ittiin himatamu.

Kan umuriin waggaa 43 Taylor, kaleessa mana hidhaa federaalaa kutaa Florida irraa VOAtti bilbiluu dhaan akka jedhanitti abbootiin alangaa seera isaanii karaa sirrii ta’e hin ibsine, sababiin isaas miseensonni maatii kanneen waa’ee isaanii dhugaa ba’uuf Laayibeeriyaa irraa dhufan ni doorsisaman jedhan.

Odu gabaasaa VOA James Buttyf Taylor akka himanitti, ofii isaanii dararaa hin raawwanne dubbataniiru. Kun utuu ta’uu baatee silaa maqaan isaanii galmee komiishina dhugaa fi araaraa kan namoonni yakka waraana biyya keessaan himataman irratti tarreeffama ture jedhan. itti dabaluu dhaanis himati sun dhugaa utuu ta’eera ta’ee hojjettoonni dhaaba farra shororkeessummaa mootummaa Laayibeeriyaa maaf dhugaa hin ba’in jedhan.

Taylor akka jedhanitti yeroo ammaa dhaaba seeraa isaaniif falmu Washington DC irraa mindeessuuf duuula maallaqa walitti qabuu labseera jedhan. mirga lammiiwwanii dhiitame ilaalchisee ministriin haqaa qorannaa keessoo akka geggeessu illee seeraan akka gaafatamun fedha jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG