Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shampiyoonaa Super Copa irratti Barseloonaa 3-2 moo’an,Meesii kaardii diimtuun baasan tapha haga afuriituu waan itti deebi’u hin fakkaatu


FILE-Lionel Messi

Lionel Messi duruu tapha irratti guddouma dallansiisan; miila jala dhaabaa buusan,ciqileen darban,hin gufachiisan,miila jalaa qolaa lafaan dhahaa bahan.

Meesiin,namichii ganna 33 dhalootaan Arjentiinaa nama addunyaan dandeettii kubbaa miilaatiin beetti. Barseloonaan nama kana doolara miliyoona kurnya hedduutiin taphachiifatti.

Haga ammaatti marroo 753 Barseloonaa taphatee takkuma haga bara kanaa adabbii jabduun kaardii diimtuun tapha keessaa hin baamne.

Dorgommii Super Copa De Espana 2021, Meesii irratti adaban tun dorogmmii kilabootii Spain tapha biyya isaanii gugurdaa moo’an walti maran. Akka kanaan Barseloonaa waliin kilabii afurtti waancaaf taphate.Waancaa irratti Barseloonaa fi Atileetikitti walti hafe.

Kilabiin Atheletic ganna 37 keesatti bara kana waliin marroo lama dorgommii gugurdoo akkanaatti milkoofte.

Dorgommii Athletic Barseloonaa moote sunitti qaraa 2-2 walqixxee jiran eegee ammoo Iniaki Williams saatii hobbaate irratti galchee kilabiin isaa 3-2 moote.

Tapha dhumachuutti jiru irratti Meesiin taphataa Athletic, Asir Villalibre isaa kubbaa fudhatee gooliin reebuutti jiru qaacera keessa dhahee lafa buuse.Achumaan Meesii dorgommii keessaa baasan.

Meesiin tapha hagam akka adabamuu male koree taphaatti murteessa tapha sadii afur irraayyuu dhaabuu dandahan jedhan.

Kontoraatii Meesiin Barseloonaa waliin qabu bara 2021 keessa dhumata.Achiin duubatti waan irraa fedhan baasee kilabii fedhetti galuu fa dandaha.

Yaadawwan Ilaali (5)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG