Bulchiinsa mootummaa naannoo Sidaamaa, magaalaa Hawwaasaatti
mallattoo magaalittii kan ta’e Summuddaan siidaa magaalittiin ittiin
beekmatudha. Namni keessummummaaf gara Magaalaa Hawaasaa deeme
waantoota daawwatu keessaa tokko Siidaa handhuura magaaliitti keessa
dhaabbatee jiru isa Afaan Sidaamuun Summuddaa jedhamu kan hiikkaan isaa
mallattoo jechuu ta’edha. Siidaan Summuuddaa bara 2003 irraa eegalee
mallattoo magaalaa Hawwaasaati. Summudaan aadaa, siyaasa walumaa
galatti jireenya uummata Sidaamaa kan ibsudha.
Ogeessa aadaa Sidaamaa kan ta’an Obbo Tafarraa Ledamoo Summudaan
agarsiiftuu eenyummaa saba Sidaamaati jedhanii kan inni hojjetames
waantoota jiruu fi jireenya sabichaa waliin hidhata qabanirraa akka ta'e ibsan. Yoonaatan Zabdiiyoositu Hawaasaa irraa gabaase.
Forum