Xurree ittiin seenan

Breaking News

Simppooiziyeemiin Dhimma Miidiyaatti Fuuleffate Televiiziyoona Ertiraa Walabaa Isa Jalqabaarratti Geggeessame   


Simpooziyamii guyyaa tokkoo kan waa’ee midiyaa Ertraa irratti duddubatu geggeeffame
Simpooziyamii guyyaa tokkoo kan waa’ee midiyaa Ertraa irratti duddubatu geggeeffame

Sambata dabree kana simpooziyamii guyyaa tokkoo kan waa’ee midiyaa irratti duddubatu Televiziyoona walaba kan Ertraaf isa jalqabaa ta’e Erisat jedhamu irratti gaggeeffamee jira. Yeroo kanattis, gama Zumiin Keessummaan haasawaa dhageesiisan, Embaasii Amerikaa Asmaraa keessa jiruuf hojii rawwachiisaa kan ta’an stiiven walker turan.

Isaanis aangawoota mootummaa Ertraa hanga tokko waliin waliigaltee baayyee akka hin qabane kan ibsan Mr. Walker Ertraa keessatti sabaa himaan walba ta’e dhabamuu ykn midiyaan jiran mootummaan to’atamuun, biyyatti irratti dhiibbaa akka qabuu fi uummanni odeeffannoo argachuun dhimmi ofii irratti murteessuu akka hin dandeeye taasisee jechuun fees buukii Embaasii irratti akka barreessan ibsan. Namoonni hedduun akka jedhanti, Ertraa keessa ta’anii qeeqa akkasii ifatti dhiyeessuun waan hin baratamnee akka ta’e , kunis keessaa ba’uun tarkaanfii fudhatame jedhan.

Mr Walker gaaffii hirmaattoota biraa dhiyaateef deebii kan kennan yoo ta’u, waajirri isaanii fi mootummaan Amerikaa abba biyyummaa Ertraa kan kabajan ta’u fi waan ta’u qabu immo uummata Ertraaf dhiifna jechuu isaanii Abrahaam Zaree gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG