Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirnii Baniinsa Oloompikii Jaapaan Har’a Jalqabamee


Weerarrii vaayrasii koroonaa waggaa tokkoof duubatti eega harkisee booda sirnii baniinsa dorgommiin Oloompiika kan silaa bara 2020 gaggeeffamuun irra ture har’a Jaapaan keessatti gaggeefamee jira.

Staadiyamiin Oloompikii kan Jaapaan keessatti kan gaggeeffame yoo ta’u, barcuumoota kuma kurna hedduun duwwaa turan. keessumoota kabajaa fi aangawoonni kanneen biroon 900 ta’an qofaatu sababaa dhukkuba KOOVIID-19f jecha argame.

Sirnii baniinsaa mata duree “Tokkummaa Miira irratti hundaa’ee haa qabaannu” kan jedhu yoo ta’u, xaaxeen ibiddaa agarsiisa muziqaa fi agarsiisa ibsaan faayameen alaabaa adda addaa mul’isan dhiyaatanii jiran.

Uummanni Jaapaan harka caalaan dorgommiin kun Tookyoo keessatti ta’u kan ifatti morman yoo ta’u, kunis weerara vaayrasii koroonaa kan biyya isaanii miidhaa jiru daran hammeessa soda jedhu qaban.

Haga ammaatti namoota dorgommiif biiyya biyya irraa Tokiyoo seenan keessaa 106 vaayrasii Koroonaan qabamuun ibsamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG