Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sobaan Maqaa Na Balleessaa Jiru: Brett Kavanaah


Abbaa alangaa mummicha akka ta’aniif kan maqaa dhahaaman Brett Kavanaah seeraan ala qunnamtii saalaa rawwatan himannaa jedhu haalanii aangoo barbaadamaniif kanaaf dorgomuus hin dhaabu jedhan.

Wiixata kaleessaa tamsaasa oduu Televiziyoona Fooks jedhamu irratti dhiyaatanii gaaffii fi deebii kan gaggeessan Kavanah an yoom iyyuu eenyuun irratti humnaan gudeeddii hin rawwanne jedhan.

Eenyummaa koof falmee maqaa koo qulqulluu akka ta’e hubachiisuuf carraaqqiin godhu keessatti deemsa madaalawaa argachuun qaba jedhan.

Kamiisa fullee keenyaa Kavanaah fi kan yeroo barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa turre bara 1982 humnaan na gudeedee jira jechuun himatte Kristiin Ford/ koree seeraa kan seeneetaa duratti dhiyaachuuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG