Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sochiin Namootaa Daangaa Sudaanii fi Metemmaa Gidduu Eegaluun Gabaasame


Daldalaa fi Sochiin namootaa karaa Galabat kan Sudaan naannoo El Gedaref kutaa Al Qadarif fi Ityoophiyaa magaalaa Metema godina giddu galeessa Gonder gidduu jiru har'a deebi'ee eegaluu angawoonni biyya keessaa mirkaneessaniiru. Bulchaan Olaanaa godina Gondoor Lixaa Bisex Warqe VOAf akka ibsaniitti konkolaachiftoonni konkolaataa fe’umsaa Sudaan har’a ganama daangaa qaxxaamuranii Metemmaa seenuu eegalaniiru.

Daldala biyyoota lamaaniitiif daangaa ce’uun murteessaa dha jedhaniiru. Miidiyaaleen Sudaan kaleessa akka gabaasanitti, Kaartuum tarkaanfiiwwan ofitti amantaa ijaaruu Itiyoophiyaan fudhatte wabeeffachuun daandii daangaa Itiyoophiyaa waliin jiru deebisanii banuu beeksiseera jechuun Asteer Misgaanaaw gabaasteetti.

Forum

XS
SM
MD
LG