Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sochiin Uummataa Gara Yemen fi Aljeriatti Tarkaanfate


Presidantiin Masrii Hosni Mubarak fincila uummataan aangoo gad dhiisanii jiran. Waraanni biyyattii aangoo mootummaa kan dhuunfate si’a ta’u paarlaamaa biyyattii diiguu dhaan heeras rarraasee jira.

Sochiin uummataa kun kan eegale kan Tunisiyaatti aanee akkuma tasaa utuu hin taane waggoota muraasa dura gareen dargaggootaa biyyootii garaa garaa keessatti wal ga’uun mari’ataa turaniin ta’uun beekamee jira.

Dargaggoonni kunis haala hookkara malee mootummaa fonqolchuun itti danda’amu qorataa kan turan si’a ta’u teknoloogii jabanaa kan akka twitter fi facebook-tti fayyadamuu dhaan uummata kakaasanii mootummaa farra dimokraasii ittiin jedhan aangoo irraa fonqolchuu danda’aniiru.

Xiinxalaa polotiikaa kan ta’e dargaggoo Jawaar Mohamed akka jedhutti sochiin biyyootii Arabaa giddu galeessa godhachuun eegale kun gara biyyoota ka birootti illee babal’achuu mala jedha. Mootummoonni abbaa irree ta’anis sochiin uummataa kun nu dhaqqaba jechuun biyyoota gargaagaraa keessaa yaaddoo keessa jiraachuu Jawaar ibsee jira.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG