Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaleen biyyiti ollaa isii Keenyaan seera malee biyya abbaa qabdu hujii isii keessa seente jettee hariyummaa waliin qabdu dhaabuuf himatte


Mogadishu, Somalia

Akka jecha ministea odeeffannoo Somaalee Osmaan Abukar Dubbeetti, Keenyaan duruu akkuma kana seera siyaasaa cabsitee hujii mootummaa Somaalee keessa seenti.

Somaaleen akka kanaan bakka buutota mootummaa isii keenyaa jiranillee achii baafachuutit jirti.Bakka buutota mootummaa Keenyaa Somaalee jiranillee torbaan tokko keessatti Moqaadishoo bahan.

Keenyaa fi Somaaleen Sadaasaa 29 gaafa Somaaleen ambaasaaddera isii keenyaa qabdu biyyatit yaammattee ambaasaaddera Kenyaa biyya isii jirullee achii bahu gaafatte wal dhabii oowwaa dhufe.

Somaaleen gaafas “Keenyaan amala hammaattee diidumatti baaftee hujii mootummaa Keennnaa keessa seente,” jettee himatte.Keesasttuu bulchaan naannoo Somaalee,Ahmed Mohammad Islaam maqaa Ahmed Madobe bulchaa Juubaalaandi siyaasaan mudditee jettee himatte.Keenyaan tana irratti yoosuma deebii hin kennine.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG