Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa Keessatti Hidhattoota Al-shabaab Ajjefaman


(Suuraa Faayilii)
(Suuraa Faayilii)

Somaaliyaa gama kibbaa keessatti haleellaa samii irraa gaggeesseen hidhattoota al-shabaab yoo xiqqaate 9 ajjesuu isaa waraanni Amerikaa beeksisee jira.

Kunis loote seentonni humnootii mootummaa irrartti haleellaa eega gaggeessanii booda. waaltaan ajajaa kan Afrikaa ibsa baaseen hidhataan Al-Shabaab yoo xiqqaate tokko haleellaa samii irraa gaggeeffamee Kanaan kan madaaa’ee jira.

Haleellaan kunis wiixata kaleessaa magaalaa Kismaayyoo kibba dhiyaa irraa fageenya kilo meetra afurtama irratti mootummaa Somaaliyaa waliin wal ta’uun kan gaggeeffame ta’uun ibsamee jira.

Ibsii ba’e akka jedhutti haleellaa samii irraa gaggeffame Kanaan siviloota keessaa kan madaa’ees ta’e du’e hin jiru.Yunaaytid Isteets haaleellaa akkasii digdama caalaa waggaa kana keessa Somaaliyaa keessaatti gaggeesiee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG