Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaa Keessatti Waajirri Haaraan Banamee Jira


Waalticha sinra Kamiisa kaleessaa gaggeeffameen kan banan prezidaantii Somaaliyaa Mohammad Abdullaahi Mohammeedi (suuraa faayilii)
Waalticha sinra Kamiisa kaleessaa gaggeeffameen kan banan prezidaantii Somaaliyaa Mohammad Abdullaahi Mohammeedi (suuraa faayilii)

IGAAD jijjirama qilleensaa faccisuuf jecha waaltaa qorannaa tokko Somaaliyaa keessatti bane jira.

Waaltaan magaala Moqadishoo keessa jiiru kun qorannaa gaggeessuun, odeefannoo funaannatee xiinxaluun, haala qilleensa gaanfa Afrikaa odeeffannoo haaraa tamsaasa.

Waaltaa kana sirna Kamiisa kaleessaa gaggeeffameen kan banan prezidaantii Somaaliyaa Mohammad Abdullaahi Mohammeed yoo ta’an, Somaaliyaan rakkoo jijjiirama qilleensaa waliin wal qabatee ishee mudatuu furuuf qooda olaanaa qabaata jedhan.

Waggoota dhiyeenya kana keessa, Somaaliyaan caama hamaa fi beellii kan jijjirama qilleensaa waliin wal qabatee ishee mudatee jira.Waggaa dabree, caamnii fi loolaan bishaanii uummata biyyatti kan walakkaa miliyoonaa ta’an manaa fi qe’e irraa godaansisee ture.

Mummichi barreessaan IGAAD Warqinaa Gbayyoo akka jedhanti, beellii sochii dinagdee kutaa Sanaa ni miidha.Keessumaa haallii qilleensa naannoo hamaa ta’uun dinagdee keessumaa qonnaa fi beeleedaalee horsisuu keessatti dhiibbaa bal’aa qaba jedhan.

Kutaan IGAAD keessa jiru, beeleedaalee Miliyoona 500 fi Miliyoonni 20 kan keessatti argaman yoo ta’u, kana jechuun tokkoon tokkoon keenyaaf beeladaalee 2 qabaachuu dha jedhan.Isaan kun naannoo hanaga tokko gammojjii fi guutummaatti gammojjii ta’an keessatti haala raafamaa ta’e keessa jiru jedhan.

Somaaliyaan caama, lolaa bishaanii fi weerara Hawaanisaan kan jijjirama qilleensaa waliin hidhata qabuun rakkataa yeroo jirtuutti waajirri kun banamee jechuun Mohammad Kaahiyee Moqdishoo irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG