Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaan Akka Humni Naga-Eegumsaa Gamtaa Afrikaa Biyya Ishee Keessaa Bahu Ka Gaafattee Turte Keessa Deebi'uun Akka Turu Gaafatte


FAAYILII - Pireezdaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamuud, Moqaadishoo, Caamsaa 15, 2022.
FAAYILII - Pireezdaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamuud, Moqaadishoo, Caamsaa 15, 2022.

Somaaliyaan humni nagaa eegsiiftuu biyya ishee gadhiisanii akka ba’an kan gaafatte akka turu gaafatte. Kunis Sodaa Al-shababiirraa kan ka’edhas jedhameera. Akka maddi Oduu Rooyiteersi ragaawwan waraqaa argadhe jedhee gabaaseetti Mootummaan Somaaliyaa humnoota nagaa eegsiiftoota Afiriikaa kanaan dura biyya isaa akka gadhiisanii deeman gaafate akka tursiifamu gaafateera. Kunis bakka qullaa uumamutti fayyadamauun humni finxaaleeyyii Alshababi gara aangootti dhufa sodaa jedhurraa akka ta’edha.

Silaa akka gaaffii mootummaa Somaaliyaa kanaan duraatti humnoonni nagaa eegsiiftoota Gamtaa Afririikaa Mudde 31 bara 2024 kanatti guutummaa guutuutti gadhiisanii akka ba’anii fi bakka isaanii humni xiqqaa ta’e akka bakka buufamu ture.

Hanga xumura Ji’a Waxabajjii kanaatti loltoonni 4000 kan nagaa eegsiisan Somaaliyaa gadhiisan akka ba’an karoora qabamee ture akka dhiisamuu fi hanga ji’a Fulbaanaatti aka turaniif mootummaan Somaaliyaa Xalayaa ji’a darbe keessaa barreessn Gamtaa Afiriikaa gaafateera. Kanaanis Gamtaan Afiriikaa fi Mootummaan Somaaliyaa hanga Somaaliyaan humna nageenyaa haala qabatamaa naannoo sanaarratti hundaa’uun qopheeffattuutti humnoonni nagaa eegsiiftootaa akka tursiifaman walii galteerra ga’amuu odeeffadheera jedha maddi oduu RooyIteersi. Itti dabaluunis odeeffannoon dippiloomaatota Afurii fi qondaala Yuugaandaa tokkorra argadheen Gamtaan Awurooppaa fi Yuunaayitid Isteetisi nagaa eegsiiftoota Somaaliyaa keessaaf irra jireessaan deeggarsa maallaqaa kan taasisan yeroo dheeraa fudhachuu isaarraan kan ka’e yaddoo baasii maallaqaa qabaniif humnoonni nagaa eegsiiftootaa Somaaliyaa keessaa hiri’isuu barbaadu jedha gabaasni Rooyiteersi kun.

Maddeen dippiloomaasii kunneen akka ibsanitti walii galtee taasifame irratti humnoota haaraa galchuu irratti waantoonni falmisiisoo turuu ibsanii haala siyaasa Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti deemaan jiruun loltoonni Itiyoophiyaa bakkoota muuraasa keessaa baafamuu danda’us jedhaniiru. Dhimma kanarratti waajjira ministira muummee Itiyoophiyaarraas ta’e kan Pireezidaantiii Somaaliyaarraa deebii argachuuf yaaliin taasise naaf hin milkoofne jedha gabaasni Riyooteersi kun.

Gamtaan Afiriikaa fi Mootummaan Somaaliyaa yeroo akanatti loltoota nagaa eegsiiftootaa kan biyyoota biroo achi keessaa baasuun qaawwaa nageenyaa kka uumuu danda’u walii galteerra ga’aniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG