Humnoonni Raayyaa Ittisaa kan Somaaliyaa haleellaa buufata waraana mootummaa afur kan giddugala biyyattii keessatti raawwatame kamiisa kaleessaa “qolachaa” yeroo jiranitti hidhattoonni 130 ajjeefamuu Qondaaltonni Somaaliyaa ibsanii jiru
Sagaleen Amerikaa sagantaa afaan Somaalee lola, naannoo humnoonni mootummaa guyyoota darban keessa al-Shabab waliin irra deddeebiin walitti bu’an keessatti ta’ee Kanaan lakkoofsi namoota du’anii hatattamaan mirkaneessuu hin dandeenye.
Ibsa Ministeerri Odeeffannoo Somaaliyaa baaseen hidhattoonni maadheelee Naannoo Shaabel Giddugaleessaatti argaman irratti haleellaa raawwachuuf meeshaa dhoo'hinsaa fayyadamaniiru.
"Al-Shabab kufaatii guddaa kan isa mudate yoo ta'u, gootonni keenya jajjaboon hidhattoota hafan dammaqinaan hordofaa jiru. Somaaliyaan qabsoo shororkeessummaa irratti gaggeessituun gonkumaa hin laaftu," jedha ministeerichi ibsa baaseen.
Kana malees humnoonni mootummaas loltoota hidhattoota injifataman irraa meeshaa waraanaa fudhachuu isaanii i Ibsichi hubachisee jira.
Torban lamaan darbaniif humnoonni mootummaa Somaaliyaa, milishoota gosa naannootiin deeggaraman, gandoota baadiyyaa laga Shabelletti argaman kanneen dhiheenya kana al-Shabab jalaa bilisa bahan eeguuf hojii kaayyeffate gaggeessaa turan.
Ajajaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Somaalee kutaa 3ffaa Jeneraal Ibraahim Mumin sagalee Amerikaa sagantaa afaan Somaleef akka himanitti, haleellaan Al-Shabab Kamisa darbe raawwatame “fashalaa’e” loltoonni mootummaa hidhattoota kana ofirraa lolaniiniiru.
Walitti bu’iinsa biraa Kamisa darbe Somaaliyaa Kaaba bahaa kutaa Puuntlaand keessatti uumameen yoo xiqqaate hidhattoonni garee Islaamummaa 20 kan ajjeefaman ta’u, kurnootaan kan lakka’aman madaa’uu qondaaltonni himaniiru.
Forum