Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaan Prezidaantii Filuuf Guyyaa Murtee Jirti 


FAAYILII - Miseensota paarlaamaa Somaaliyaa sagale kennuf walitti qabaman, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Guraandhala 8, 2017
FAAYILII - Miseensota paarlaamaa Somaaliyaa sagale kennuf walitti qabaman, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Guraandhala 8, 2017

Prezidaantiin koree filachiiftuu kan miseensoota 17 of keessaa qabu mana maree lameen kan paarlaamaa irraa walitti dhifan, Kamiisaa kaleessaa Moqdishoo keessatti erga walgahanii booda, guyyaa kana filannoon akka gaggeeffamu walii galan.

Arjoomtoonni addunyaa prezidaantiin haaraan hin filamuu taanaan gargaarsa kennamuu akka hanqiisan beeksisuun guyyaan dhumaa kennan xumuramuuf guyyaan lama bakka hafeetti koreen kun Caamsaa 15 filannoo gaggeessuuf kan jiru ta’u beeksisee.

Itti aanaa af-yaa’ii mana maree isa ol aanuu kan ta’an Ali Shacban ibsa gabaabaa kennaniin, hojii paarlaamaa isa dhumaa kan ta’e filannoo prezidaantii rawwachiisuuf tarkaanfii tokko jedhanii,dhuguumatti ajandaan keenya koree filannoo gaggeeffamu hordofuu fi guyyaa itti filannoon gaggeeffamu murteessu filachuu ture.Dhuma irratti garu waaqayyoo waan jiru nu salphisee waan gaarii hojjachuu danda’uu keenya arguu dabdeessu.

Falmii siyaasaa uumameen kan ka’e miseensoota parlaamaa filuun waan dadgabameef jechu prezidaantii filachuuf waggaa tokkoo caalaaf duubatti harkiifate.

Waggaa dabree seera tumtoonni bara aangoo prezidaantii biyyatti waggaa alaamaan dheereessuuf kan yaalan yoo ta’u, garu dhiibbaa addunyaa jabaa isaan mudateen murtii isaanii kaasan.

Kadhiimamtoonni kudahan caalaan prezidaantummaaf ni dorgoomu jedhamee kan eegamuu yoo ta’u, kunis prezidaantoota duraanii lamaa fi mummicha ministeera duraan Hassan Keyiree dabalachuuf jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG