Xurree ittiin seenan

Breaking News

 Somaaliyaan Prezidaantii Haaraa Argatte


Pirezdaantii Somaaliyaa ta'uun kan filataman Hassan Sheek Mohamoud, Caamsaa 15, 2022
Pirezdaantii Somaaliyaa ta'uun kan filataman Hassan Sheek Mohamoud, Caamsaa 15, 2022

Dilbata kaleessaa Moqadishoo keessatti sagaleen eega kennamee booda, paarlaamaan biyyatti har’a Hassan Sheek Mohamoud prezidaantii biyyatti gochuun filatee jira.

Deemsii sagalee kennuu kun dirree xayyaaraa Moqadishoo keessatti eeguumsa jabaa kan humnootii gamtaa Afrikaa jalatti kan gaggeeffame yoo ta’u, kunis bakka xayyaarrii keessa dhaabatu keesstti Dunkaana dhaabamee keessatti ta’uun ibsamee jira.

Seeratumtoonni mana maree paarlaamaa lameenii walitti dhufuun, seera tuumtoonni 327 kaadhimamtoota soddomii ja’af marsaa sadiin sagalee kennan.

Xumuura marsaa 3ffaatti Hassan Sheeik MohamUud sagalee 214 kan argatan yoo ta’u prezidaant Farmaajoon immo 110 argatan jechuun af yaa’ii kan ta’an Amiir Nuur ibsanii sagaleen sadii immo fudhatama dhabee jira jedhan.Knaafis prezidaantii biyyattii kan seeraan filataman jedhanii labsan.

Farmaajoon tamsaasa Televiziyoonaa kallattiin darbaa ture irratti, prezidaatii filataman Mohamudiin baga gammaddee siin simadha kan ittiin jedhan yoo ta’u, galata rabbi kan galgala har’a filannoo keenya akka xumurruu ny gargaare jedhan.Kanneen anaaf sagalee kennan akkasumas faallaa koof sagalee kennan mara nan galateeffadha jedhan.

Mohamud battalumatti kakatanii aangoo kan qabatan yoo ta’u haasaa gabaabduu dhageesisaniin mummichi ministeera biyyatti Mohammad Robalee deemsa filannoo kana gaggeessuu isaaniif galateeffatanii jiru.

Kana malees deggertoota Farmaajoon faallaa akka hin hojjanne, haaloo ba’iinsii tokko iyyu akka hin jiraanne,yoo adda addummaan jiraatees akka seera biyyattiin qabduun furamaa jedhan.

Mahmoud baatii Fulbaana bara 2012 hanga Guraandhala bara 2017 tti prezidaantiin Somaaliyaa akka turan ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG