Sababaan caama walitti fufee mudataa jiruun kan ka’e waan facaafame karaatti hambisee beeleedaalee eega fixee booda Tokkummaan Mootummootaa kana jedhee jira.Kana malees midhaan Yukreenii fi Raashaa biraa somaaliyaa seenaa ture sababaa wal waraansaan hanqachuu isaan ta’u beeksisee jira.
Jaarmayaa gargaarsaa kan Tokkummaa Mootummootaa ykn Ohhaaf Somaaliyaatti qindeessaa kan ta’an Adam Abdelmoula oduu Moqadishoo irraa gama Vidiyoon gabaastotaaf akka ibsanti, tarkaanfiin barbaachisu amma hin fudhatamuu taanaan Somaaliyaan gara beela’uutti deemaa jirti jedhan."Somaliyaan gara qarqara beela akkaan hamaa fi babal’atee geessee jirti.
Beellii guddaan kun lubbuu namoota kuma dhibba hedduu galaafachuuf deema. Jalqaba bara kanaa kaasee caamnii somaaliyaa keessaa dhimmi hatattamaa ta’uun daran hammaata deeme.Balaa nu marsee jiru ilaalaa jirra jedhan.
Abdelmoula akka jedhanti hawaasnii addunyaa hanga Somaaliyaa keessa beelli jiraachuun ifatti labsamuutti eega taanaan, yeroon itti darbuuf jiraa.walakkaan uummata somaaliyaa jechuun kan Miliyoona 7.1 hanga Fulbaana dhufuutti kan ta’u wabii nyaataa hin qaban.
Somaaliyaan marsaa afuur rooba kan dhabde yoo ta’u kunis biyyatti harka caalaa keessatti caama hordoofsisee jira.Mootummaanis labsii yeroo hatattamaa kan labsee yoo ta’u roobnii giddu galeessi dhiyeenya kana argamees rakkoo jiru hanqisuu hin dandeenye.