Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaan Rakkoo Namoomaa Yeroo Hatattamaa Labsite


(suuraa faayilii)
(suuraa faayilii)

Somaliyaan, hongee biyyattii miidhaa jiru, kan uummata miliyoona lama hanqina nyaataa fi bishaaniif saaxileef jecha labsii gargaarsa namoomaa kan yeroo hatattamaa labsitee jirti.

Kan labsii kana labsuun deebiin hatattamaa akka jiraatu gaafatan muummichi ministeeraa Somaaliyaa Mohamed Huseen Rooblee ti.

Lammiiwwan Somaaliyaa, hawaasa hojii daldalaa, abboota amantii fi miseensota hawaasa biyya alaa akkasumas michoonni keenya kan sadarkaa addunyaa kanneen beelaan miidhman gargaaruu keessatti qooda akka fudhattan gaafadha jedhan.

Haalli isaa baay’ee yaaddessaa waan ta’eef, deebii hatattamaa kennuun akka barbaachisu muummichi minsiteerichaa dabalanii ibsaniiru.

Dhaaboliin tokkummaa mootummootaa kanneen biyyattii keessaa akka jedhanitti sababaa hanqina maallaqaa akkasumas naannoo walitti bu’iinsi keessa jiru dhaqqabuun hin danda’amneef kanneen miidhaman kana gargaaruuf tattaaffiin ta’u murtaa’aa dha.

Hanga baatii Caamsaa bara 2022tti hanqinni wabii nyaataa hammaataa kan adeemu ta’uu isaaf, abbootiin warraa hedduun, roobi eegamaa jiru yoo hin robin hafe hanqinni nyaataa hammaataa adeemee dandeetii dura dhaabbachuf isaan qaban dadhabsiisaa deema jechuun Sagantaan nyaataa fi qonnaa addunyaa akeekkachiiseera.

Haleellaan Boombii Moqaadhishoo Keessaa Lubbuu Galaafate

Magaalaa galma mootummaa Somaaliyaa keessatti kan argamu mana barnootaa cinatti boombiin dho’ee yoo xiqqaate namoota 8 yoo galaafatu kanneen biroon 17 immoo madaa’anii jiru

Kan gareen al-Shabaab itti gaafattama haleellaa haleellaan raawwatme kun kan dhaga’ame, haleellaa ka biroon guyyoota dura gaazixeessaa Somaaliyaa ajjeeseen booda.

Ibsi al-Shababiin kenname akka jedhutti, haleellaan kamisa har’aa ganama yeroo namoonni heddumminaan daandii irratti argaman raawwatame kun konkolaataa waraanaa irratti kan qiyyaafate ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG