Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gurmuun Naga Eegumsa Gamtaa Afriikaa Somaaliyaatti Ajjeefamuu Siivilootaa Qorataan Jira Jedhe


Gurmuun gamtaa naga eegumsa gamtaa Afriikaa kan Somaaliyaa keessaa ennaa loltoota mootummaa fi loltoota garee al-Shabab gidduutti dhukaasi banametti siivilonni ajjeefaman jiru qorachuu jalqabuu beeksisee jira.

AMISOM akka jedhetti balaan kun kan dhaqqabe ennaa loltoonni isaa naannoo Beldamin-Golweyn maadhee waraanaa naannoo Shabellee gara gadii jiru to’ataa jiranitti duula kibxata darbe geggeessameen ture.

Meeshaan waraanaa gurguddaa fi mobaayiloonni harkaa to’annaa jala utuu hin oolen dura humnoota AMISOM fi leellistoota al Shabaab gidduutti dhukaasi hamaan kan ture ta’uu ibsi roobii kaleessaa ba’e beeksisee jira.

"AMISOM erga sanaa as siivilonni du’uu kan dhaga’ae. Kanaafis qorannaa gad fagoon ni geggeessama jedha ibsichi. Ennaa balaan kun dhaqqabetti siivilonni torba ajjeefamuu qonnaan bulaa ganda Golweyn Rooyitersiif kamisa har’aa kan ibsan yoo ta’u, obboleessi isaanii kan naannoo sanaa lafa qonnaa qaban Omar Hassan, shofeera isaa fi qonnaan bultoonni kanneen biroon shan du’aniiru jedhan.

AMISOMtu beekaa lafa qonnaa sanaa deemuun namoota kana ajjeese jedhan.

Kan mootummaa deggeeruun al Shabab irratti duulu gurumuun naga eegumsa gamtaa Afriikaa jalqba gamasitti kan bobba’e bara 2007 keessa ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG