Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyaatti Haleellaa Al-shabaabin Namoonni 12 Ajjeefaman


Somalia
Somalia

Somaaliyaa, kutaa Jubaa gad-jallaa keessatti, humnoonni Al-shabaab maadhee waraanaa Somaalee irratti haleellaa geggeessaniin yoo xiqqaate namoota 12 tu ajjeesame.

Aangawoonni VOAf akka ibsanitti, ka magaalaa buufata doonii, Kismaayyoo irraa kiiloo-meetira shantama irratti argamu, mooraa waraanaa “Saanguunii” irratti geggeessame – haleellaan kun.

Ajajaan murna waraanaa Somaaliyaa, mooraa Saanguunii keessaa – Muktaar Abdii Mohammed, humnoonni isaanii konkolaatota dhukaatotaan guutaman lama dursanii arganii, otuu isaan moraa waraanaa sana hin dhaqqabiin dhoosan – jedhan.

Kana malees, hidhattoonni Al-shabaab saddeettamaa haga dhibbaa ta’an moraa waraanaa sana irraa gama kaabaatiin itti dhufanii haleellee banuu isaanii fi wal-waraasi cimaan geggeessamuu isaa dubbatan – Ajajaan waraanaa kun. Waa’ee haleellaa sanaa dursanii odeeffannoo argachuu isaaniillee dubbatu.

Akka aangawoonni Somaaliyaa jedhanitti, waraanaa Somnaaliyaa irraa afur tu ajjeesame. Gama riphxee-loltoota Alshabaab tii immoo, shofeerota konkolaatota dhuka’aa fe’atanii dho’anii lamaan dabalatee yoo xiqqaate saddeet tu ajjeesame.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG