Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliyatti Gaazexeessaan Waahiloota Isaa Gane Du’i Itti Murtaahe.


Hassan Hanaafii Hajii, Somaaleetti Ajjefamuu gaazexesoota sadi'i keessaa harka qaba jedhamee han duuti itti murtaahe
Hassan Hanaafii Hajii, Somaaleetti Ajjefamuu gaazexesoota sadi'i keessaa harka qaba jedhamee han duuti itti murtaahe

Manni murtii waraanaa Somalia kan magaalaa galma mootummaa biyyattii Moqaadishoo keessaa gaazexeessaan duraanii waahiloota isaa shan Shabaabitti dabarsee kennuun ajjeesisetti murtii du’aa itti muree jira.

Akka mana murtii sanaatti Hassan Hamafi bara 2007 fi 2011 gidduu yeroo jirutti gareen finxaaleyyii kun gaazexeessota sana akka adda baasan gargaare.

Dura taa’aan mana murtii waraanaa Somaliyaa Mohamed Shute akka jedhanitti ragaaleen argaman martinuu Hamafiin ajjeechaa gaazexeessota shananii keessaa harka qabaachuu mul’isa.

Dursinee jedhan Shuteen miseensa al-shabab ta’uu isaa mirkaneessine, san booda immoo waahiloota isaa ajjeesuuf Shabaabiin gargaaruu isaa adda baafanne jedhan.

Hassan Hamafi raadiyoo naannoo IOK jehamuuf booda irra al shababiin qabameef hojjetaa ture. San booda raadiyo shabab Andalus jedhamuuf hojjetaa tuer. Hagaya bara 2014 humnootiin naga eegumsa Keeniyaa gargaarsa dhaaba tika nageenya Somaliatiin qabamee somaliyaatti deebisame. Erga bara 2007 qabee gaazexeessonni 25 Somalia keessatti ajjeefamuu gareen mirga gaazexeessotaaf falmu CPJn gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG