Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen al Shabaab xayyaara Moqadishoo cinatti kufte qabatee jira


Gareen finxaaleyyii al-Shabab kan har’a xayyaara Moqaadishoo gama dhiyaatti rukutamuun lafa dhoofte of harka galfachuu isaanii angawoonni Somaliyaa beeksisanii jiru.

Maddeen gamasii VOA sagantaa Afaan Somaaleef akka ibsanitti xayaarattii sana irra namoota 9-11ttu irra turan. Maddeenumti kun akka jedhanitti xayyaarattiin namoota duula naga eegumsaa Somalia keessaa irratti hojjetaniin kan kireeffamte.

Itti aanaa komiishinni Afgoye Abdullahi Hassan Abdi VOAf akka ibsaniitti xayyaarittiin erga kuftee booda loltoota AL-shabaabiin marfametee jirti, kanaaf harka al Shabab jirti jedhan.

Abdiin akka jedhanitti Kanneen xayyaarattii irra turan lubbuun du’uu fi jiraachuun hin beekane. Sababaan balaa sanaas hin beekamion jira. Jiraattonni magaalaa Afgoye akka jedhanitti xayyaarattiin utuu hin kufin dura ofi irra naanna’aa turte. Xayyaarattiin Nairobi irraa ka’uun gara maadhee qilleensaa Ballidogletti imala aka turte ta’uutu gabaasame.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG