Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dho'iinsa Somaaliyaa keessaa


Haleellaa hoteela Moqaadishoo irratti raawwatame
Haleellaa hoteela Moqaadishoo irratti raawwatame

Al-Shabaab Dilbata kaleessaa Hoteela Moqaadishoo irratti haleellaa geessise golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummota balaaleeffatee jira.

Haleellaa Kanaan yoo xiqqaate namnii 12 kan ajjefaman yoo ta’u kanneen keessaa tokko abbaa qabeenya Hoteela Sanaa , kaan ajajaa waraanaa fi seera tumtoota lamatu keessatti argama.

Waraanni somaaliyaa kanneen haleellaa kana geesisan mara ajjesuun deebii kennuu isaaf kan galateffatee Golli naga eegumsaa shoroorkeessummaan bifa adda addaan mul’atu nagaa addunyaa irratti sodaa hamaa kan uuman keessaa tokko jedhee jira.

Somaaliyaan nagaa fi tasgabii waariinsa qabduutti akka ceetu gochuuf deggeersa barbaachisu kan godhan ta’uu miseensonni gola naga eegumsaa cicha qaban irra deeebi’anii mirkaneessanii jiru.

Haleellaan shoroorkeessotaa kam iyyuu murannoo keenya hin dadhabsu jedhu. Angawoonni akka jedhantti hidhatoonni Al-Shabaab ulaa Hoteela Sahafi itti seenan irratti kokolaataa Bombiin irratti camadame irraa Bombii dhukaasuun sana booda hidhatoonni haleellaa banan. Hoteela kana yeroo baayyee kan keessatti fayyadaman aangawoota mootummaa fi abbootii daldala adda addaa ti.

Ministeerii nageenyaa kan somaaliyaa VOA..f akka ibsantti kanneen haleellaa kana geesisan uffata ykn uniformii waraana Burundii uufftanii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG