Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaliiyaan Garee Finxaaleyyii Ajjeechaa Raawwatan Jette Du’aan Adabde


Magaalaa Somaaliyaa waaltaa Galmudug keessatti kaleessa ganama haleellaa finxaaleyyiin raawwataniin namoonni 12 du’uu angawoonni naga eegumsaa Somaalyaa ibsanii jiran.

Dhukaasa humnootii nagaa eegisisanii fi finxaaleyyii gidduutti ta’een immoo magaalaa Wisil keessatti yoo xiqqaate namoonni 30 ajjeefamuu isaanii fi kanneen keessaa sivilootaa fi jiraattonni kan keessatti argaman ta’uu angawoonni naannoo VOA sagantaa Afraan Somaaleef ibsaniiru.

Haleellaan sun kan jalqabame gareen finxaaleyyii sun boombii konkolaataa irratti kiyyeeffame naannoo mooraa humnootii naga eegumsaatti ta’uu angawaan maqaan isaanii akka hin tuqamne gaafatan ibsaniiru.

Wisil Galkaayoo irraa kibba gama bahaatti fageenya km 200 irratti kan argamtu yoo ta’u, bakka erga dhiyeenyaatii Al-Shabaab human keessatti jabeeffachaa jiru.
Haleellaan sun raawwatamee sa’aatilee lama booda angawoonni naannoo Puntland namoota miseensota al-Shabaabii fi shorokeessummaa keessaa harka qabu jedhaman namoota 21 du’aan adababamuu isaanii ajajaan poolisii naannoo sanaa colonel Mumin Abdi Shire sabaa himaaf ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG