Xurree ittiin seenan

Breaking News

Soomaaleen biyyitii ollaa isii Keenyaa, himattee hariyummaa waliin qabdu dhaabuutti jirti


Somalia and Kenya
Somalia and Kenya

Akka jecha ministera odeeffannoo Somaalee Osmaan Abukar Dubbeetti,Keenyaan duruu seera malee seera siyaasaa cabsitee hujii mootummaa Somaalee keessa seenti.

Somaaleen akka kanaan bakka buutota mootummaa isii keenyaa jiranillee achii baafachuutit jirtii bakka buutota mootummaa Keenyaa Somaalee jiranillee hardhaa jalqabdee guyyaa torba keessatti Moqaadishoo baafti.

Keenyaa fi Somaaleen Sadaasaa 29 gaafa Somaaleen ambaasaaddera isii keenyaa qabdu biyyatti yaammattee ambaasaaddera Keenyaa biyya isii jiru achii bahu gaafatte wal dhabii oowwaa dhufe.

Somaaleen gaafas Keenyaan amala hammaattee diidumatti baaftee hujii mootummaa Keennnaa keessa seente jettee himatte

Keesasttuu akka bulchootii Somaalee jedhanitit Keenyaan bulchaa naannoo Somaalee Ahmed Mohammad Islaam maqaa Ahmed Madobe bulchaa Juubaalaandi siyaasaan muddaa baate jettee himatte.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG