Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen finciltoota Sudaan kibbaa walii galtee lola dhaabinsaa cabsaa jiran


Jaarmayaan misoomaa kan biyyoota Afriikaa gama bahaa IGAD walii galteen hordoffii fi to'annaa erga mallatteessamee booda iyyuu gareeleen Sudaan kibbaa kanneen wal finiclan lola dhaabinsa tolfame cabsaa jiraachuu beeksisee jira. gareen mala to'annaa fi hordoffii IGAD torban kana akka beeksisetti gareeleen wal fincilan kun hanga guyyoo dhiyootti yeroo adda addaatti lola dhaabinsa tolfame cabsaniiru.

Sudaan kibbaa keessaa yabaloowwan gurmuu tokkummaa mootummootaa meeshaalee adda addaa baatanii Malaakaal irraa gara Reenkitti deemaa turan. Doonilee boboa'aa liitirii kuma 55 batan kana keessa immoo ogeessota tokkummaa mootummootaa 18 fi shofeertota lammiiwwan Sudaan 13tu keessa ture.

Yaballi fi namoonni sun ni iggitaman. Shofeetoraa fi ogeessonni sun gad dhiisaman iyyuu boba'aan sun garuu hin deebine. kun erga raawwatamee torban lama hin guutne. kana kan raawwatan immoo mormitoota ta'uu gabaasa isaan kan ibse gareen mala hordoffii fi to'annaa mormitootaa fi mootummaan walii galtee caban ka biroo illee tarreessee jira.

Haalli isaa walii galtee nageenyaa sana maal akka inni ta'e kanneen hin hubanne ykn kan hin galleef humnootiin hidhatan jiraachuu agarsiisuu isaa illee tuqee jira. Gabaasa sana jaarsolii araaraa IGAD ijootti erguu dhaan trkaanfii fudhatamuu qaba jedhu illee tuqeera. Akkuma kanaan gareeleen wal fincilan lamaan kanneen badii dalagan irratti tarkaanfii akka fudhatan yaada dhiyeessee jira. Gareeleen Sudaan kibbaa walii galtee nageenyaa kan mallatteessan Hagaya 26 bara 2015 yoo ta'u lola dhaabinsi hagi tokko kan cabe walii galteen kun erga mallatteeffamee booda ta'uu gabaasi sun mull'isee jira.

Akka walii galtee isaan dhiyeenya irra ga'anitti jiloonni gareelee mormituu walitti bu'iinsi sun uumamee waggoota lama booda yeroo jalqabaaf guyyoota xiqoo itti aanan keessa Juubaa seena jedhamee eegama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG