Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii Riphee Lolaa Suudan Kibbaa Mootummaa Waliin Hojjachuuf Fala Araaraa Fudhatee Biyyatti Deebi’e


Waliigaltee Araara Suudan Kibbaa
Waliigaltee Araara Suudan Kibbaa

Kuma kurnya hedduutti dhumatee miliyoona lamaa baqatee miliyoona sunii oliitti sodaan jiraata. Waraaniii Suudan Kibbaa ka ummatii gosaan wal qoodee waraanaa walti baafate waan himaniin hedduu qaba.

Suudan Kibbaa bara 2011 Suudan irraa cittee baatee bilisoomtee addunyaatti dabalamte. Bulchootii biyya haaraa tanaa akka biyya itti bulchan irratti wal dhabanii waraanilleen lamatti bahee waranaaa walti baafate.

Waraanii sun nama kuma kurnya hedduu fixe miliyona lamaa oli baqachiise jedha Tokkommaan Mootummootaa. Addunyaan dubbii Suudan Kibbaa tana keessa seente araarsuuf ganna lama falaa baate.

Akkuma taateefuu paartii Riphee lolaa Suudan Kibbaa Dr.Riik Machaar ittti gaafatama tahe mootummaa Salvaa Kiir waliin hojjachuuf Muddee,21 Juubaatti deebite.

Akka minsiterii odeeffannoo Suudan Kibbaa Maaykul Makiyyee jedhetti mootummaan isaanii itti gaafatamtota tana diida xuyyuuraatti bahee simate. Koreen paartii mormituu Suudan Kibbaa mootummaa waliin hojjachuuf biyyatti deebihan walumattu 611.

Murtii araaraa tana Hagayyaa dabarte irratti walii galan. Dhufaatiin jaraatuu akka ministera odeeffannoo mootummaa Suudan Kibbaa Makuyeetti furumaata nagaati.

Akka oduu himaan mootummaa jedhutti ministeroota maallaqaatii fi diangdeetti bahee simate

“Mootummaan Suudan Kibbaa dhufaatii jaraa gammachuun simata.Achiin duubatti akkuma irratti walii galaniin hujiin jalqabdi. Jalqaba koree isaanii keessaa 150 dhufa 150 dhibiitti itti dabalama achii ammoo 310 dhufa.”

Mootummaa Suudaniitii fi paartiin Riphee lolaa mootummaa tokko qabaachuuf deeman.

Tokko tahuun isaanii biyya hiyyeettii waraanii dhukkeesse tanaa abdii guddoo taha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG