Mootummaan Ameerikaa galgala kana Ibsa baaseen walitti bu'iinsi Oromiyaa keessatti geggeessamaa jiru na yaaddesse jedhee jira. Walitti bu'iinsa Oromiyaa keessaatti uumameen lubbuu hedduu galafachuu isaanii ilaalchisee gabaasi dhiyaate hedduu nu gaddisiise kan jedhe ibsi mootummaa Ameerikaa kun maatiiwwan firoottan jalaa ajjeefamaniif mootummaan gadda itti dhaga'ame ibseera.
Itti aanaa dubbi himaan Ministrii Dhimma Alaa Ameerikaa Maark Tooner galgala kana ibsa Kennaniin Mootummaan Itiyoopiyaa hiriira mormii karaa nagaan geggeessamuuf eeyama akka kennu akkasumas komee siirri ta'e dhaggeeffachuuf gara marii ijaarutti akka adeemu mootummaan Ameerikaa kan yaadachiise ta'uu ibsaniiru.
Mormitoonnis jeeqama irraa akka of qusataniif mariif akka of qopheessan yaadachiisaniiru. Mootummaan Itiyoopiyaas karoorri Maaster Plaaniis mariin uummata waliin utuu hin geggeessamin hojii irra akka hin oolle beeksiseera.
Mootummaan itiyoopiyaas cicha marii geggeessuuf qabu hojiitti akka hiiku ibsi mootummaa Ameerikaa kun gaafateera.