Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Keessatti Hiriirrii Itti Fufee Jira 


Mormii Sudaan magaala Kaaruum keessatti Sadaasa 21, 2021 geggeeffame

Lammiwwan Sudaan Dilbata kaleessaa daandilee guutummaa biyyatti irratti hiriiruun, waraannii aangoo qabachuu fi mummicha ministeeraa Abdallaa Hamdook aangootti deebisuuf walii galtee ta’e fi garu sochii jiru cinatti qabamuu mormuun hiriiranii jiran.

Magaala galma mootummaa Sudaan kan taatee Kaartuum keessatti aangawoonni eegumsa kan jabeessan yoo ta’u magaalaan lakkuu taatee Omdurmaan keessatti immoo gamoo mootummaa fi waraanaa tti akka hin senneef ittisiisnii tolfamee jira.

Hiriirrii Dilbata kaleessaa kun, waggaa sadaffaa mormiin itti jalqabamee kan agarsisuu yoo ta’u, dhuma irratti mootummaa irree waraanaa fi Islaamaa kan Omar Albashiriin Ebla bara 2019 aangoo irraa akka ka’u taasisee jira.Ergasii Sudaan gara Deemookraasitti ce’uuf deemsa raafamaa keessa kan jirti yoo ta’u mootummaa waraanaa fi siviliin bulaa jirti.

Onkolooleessa 25 bara 2021 fonqoolchi mootummaa gaggeeffame ce’uumsa argamee aankaaksee mormii daandilee irraa kan dhaabbataa ta’e hordoofsisee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG