Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Keessatti Rakkoon Namoomaa Duraan hin Argamiin Gabaasame 


Baqattota Sudaan Chaad seenan, Onk. 6, 2024.
Baqattota Sudaan Chaad seenan, Onk. 6, 2024.

Baatilee 20f jeneraalota wal morkatan gidduutti lola suukaneessaa geggeeffameen kan ka’e Sudaan yero ammaa rakkoo namoomaa galmeeffamee jiru irra kan caalutu ishee mudate jechuu dhaan koren baraarsaa sadarkaa adduunyaa gabaasa Roobii har’aa baaseen beeksisee jira. Baay’inni uummata Sudaan addnyaa keessaa dhibba irraa harka 1% gad ta’us, addunyaa irraa biyyattiin ummata grgaarsa barbaada dhibba irraa harka 10% qabdi jechuu dhaan dhaabi Niw Yoork keessa maadheffate toora hordoffii hatattamaan isaa kan bara 2025 keessatti beeksiseera.

Ebla bara 2023 irraa eegalee lolli waraanaa fi Humnoota idilee Sudaanii fi garee Humna Saffisaa kan “RSF” gidduutti gaggeeffamaa ture uummata kumaatamaan lakkaa’aman kan ajjeese yoo ta’u, kanneen miliyoona 12 ta’an ammoo qe’ee isaanii irraa buqqaaseera. Uummati biyya ofii keessatti qe’ee ofii irraa buqa’an kanneen miliyoona sagaliitti hedaman ammallee Sudaan keessa kan jiran yoo ta’u, irra hedduun isaanii bakka bu’uuraaleen misoomaa barbadaa’an kan jiraniif balaa beelaatu isaan mudatee jira.

Tokkummaan Mootummootaa akka jedhetti, guutummaa biyyattii keessaa walakkaa baay’ina uummata biyyattii kanneen miliyoona 26tti headaman beela hamaaf saaxilamaa jiru. Mooraa baqataa Zamzam kan Dhiya Daarfuur jiru keessatti duruu beelli mudachuun labsameera. Koreen Baraarsaa Sadaraa Addunyaa akka jedhetti biyyootiin 20 taa’an garkkoo namoomaa hamaan kan isaan mudachuf jiru yoo ta’u, kanneen keessaa Sudaan wagoota lama walitti aanuuf sadarkaa hamaa irra jirti.

Gareeleen wal fincilan lamaan gandeen namoonni jiraatan keessatti torbanneen dhiyoo as lola itti fufanii waan jiraniif mallattoon waraanni dhaabachuu hin mul’atu. Naannoo addunyaa irraa miliyoonni 305 deggersa namoomaa kan barbaadu yoo ta’u Koreen baraarsa addinuaa akka jedhetti kanneen keessaa dhibba irraa harki 82% kan akka qabiyyee Faalisxiin, Maaynamaar, Siiriyaa, Sudaan Kibbaa fi Libaanon keessatti argamu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG