Lammiwwan Sudaan, fonqoolcha mootummaa waraanni baatii Onkolooleessa keessa gaggeessee fi biyyatti jeeqamsa keessa buuse mormuun baatileef hiriiruu itti fufuun magaalaa Kaartumii fi kanneen biroo keessatti Dilbata kaleessaas hiriiranii jiru.
Hiriirtonni kuma hedduutti lakka’amanii fi irra jireessii isaanii dargaggootaa fi shamarran ta’an kun daandilee magaala Kaartumii fi kan magaalaalee biroo irratti Dilbata kaleessaa hiriiran.
Mootummaan guutummaan siviiloota irraa ta’e akka hundeeffamu biyyatti gaggeessu fi ce’uumsa Dimokraasii amma danqamee jiru akka gaggeessuu gaafatan.
Sudaan keessatti fonqoolchi mootummaa gaggeeffame abdii ce’uumsa nagaan gara Demooraasitti ture danqee yoo ta’u kunisa mormiin uummataa waggaa lama caalaa dura jechuunis bara 2019 mootummaa Omaar al Bashir aangoo irraa erga darbee booda ture.
Mummichi ministeeraa Sudaan gara jalqaba baatii kanaatti aangoo eega gadhisanii booda, jeequmsii biyyatti keessaa dabalaa deeme.