Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan kibbaa Keessatti Imaltoonni Ajjeefaman


Sudaan Kibbaa keessatti otoobisoota daandii guddaa irra deemaa turan irratti haleellaa gaggeeffameen yoo xiqqaate imaltoonni sadii yoo du’an, 22 ammoo madaa’aniiru.

Namoonni qawwee hidhan kanneen Yuniformii ykn uffata waraanaa uffataniifi qawwee AK-47 hidhatan Wiixata kaleessaa daandii guddaa Juba-Nimule jedhamu irratti otoobisoota lamaa fi konkolaataa xiqqaa tokko irratti haleellaa gaggeessan.

Haleellaan kun gandoota Nyerjebe fi Odemo gidduutti kan raawwatame yoo ta'u, magaalaa guddoo Jubaa irraa gara kiiloo meetira 55 fagaata. Daandiin guddaan kun biyya ollaa taatee ugaandaatti qaxxaamura.

Erga bara 2016 kaasee qiyyafata haleellaa kan ture yoo ta’u, baatii Hagayya keessas daandii guddaa kana irratti haleellaa raawwatameen namoonni torba ajjeefaman.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG