Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaa lolaadhaan hubamaa jirtti


Faayilii -
Faayilii -

Sudaa Kibbaa keessaatti bokkaa walti ansuudhaan roobeen kan ka’e namoottaniif beelladootaa kuman lakkawaman irratti midhaan qaqabuu isaa, dhaabata mootummoota gamtoomaniti jaarmiyaa dhimmaa baqattootaa UNHCR beekisiseeraa.

Bakka bu’aa UNHCR waabeffachuudhaa Gabaasin Liisaa Shilaayin Jenevaa irraa VOA dhaaf qopheesitee akka ibsetti, lolaa muudate kanaan namoonni 700,000 midhaan irra gaheera.

Bakka bu’aan dhaabichaa Arafat Jamaal akka jedhanitti jiraattonni bara dheeraadhaaf roobaa fi lolaa wajjin jiraataniiru. Kanaan duraa yemmuu robin ammaatu namootni bakka ol ka’oo ta’an tulluu fi tabbatti baqatanii yemuu lolaan hiratu qe’ee isaaniitii deebiu. garuu bara dhiheenyaa kana lolaan hedduummaatee omishaa fi lafa omishaa waan mancaasaa jiruuf jiraattonni dandamachuu hin dandeenye.

Roobni fi lolaan, yeroo ammaa dhibee Koroonaa, Hookkoraa fi beelaa wajjin wal qabatee muudate kun , kutaa biyyaatti Joonglee, Yuunitii, Baaher el gahaazal kaabaa fi apper naayil keessaatti midhaa hedduu uumuu isaa bakka bu’an UNHCR himuun isaanii gabasameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG